Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 21, 2020
ROMAANIYAA

Kitaabni Qulqulluun Afaan Roomaaniyaatiin Qopheeffame Karaa Viidiyoo koonfiransii Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Afaan Roomaaniyaatiin Qopheeffame Karaa Viidiyoo koonfiransii Baʼe

Ebla 19, 2020, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame walgaʼii addaa Bukaaresti, Roomaaniyaatti geggeeffame irratti Afaan Roomaaniyaatiin baʼeera. Obboleessi keenya Joon Bireenka, inni miseensa Koree Waajjira Damee Roomaaniyaa taʼe Kitaabni Qulqulluun baʼuu isaa istiriimii fi viidiyoo koonfiransiidhaan gumiiwwan Roomaaniyaa fi Moldoovaa keessa jiranii fi Afaan Roomaaniyaa dubbatan hundaaf ibseera. Sagantichi Afaan Hangaarii, Afaan Roomaaniyaa fi Afaan Mallattoo Roomaaniyaatiin hiikameera. Sagantaa sana namoonni 69,000 ol taʼan hordofaniiru.

Gareen hiikkaa lama hiikkaa kitaabichaa irratti kan hirmaate siʼa taʼu, hiikkaan isaa waggaa sadii ol fudhateera. Hiikkaan haareffame kun yaada jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame sirriitti kan dabarsu, akkasumas jechoota ifaa fi dhama afaanichaa eege kan fayyadame ture. Namni hojii hiikkaa hojjetu tokko akkas jedheera: “Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame afaan ammayyaatiin waan qophaaʼeef dubbisuuf baayʼee salphaa dha. . . . Kanaan kan kaʼes ergaan barbaachisaan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame garaa nama dubbisu sanaa baayʼee kan tuqu dha.”

Namni miseensa garee hiikkaa taʼe kan biraanis akkana jedheera: “Hiikkaan kun qooqa salphaa waan fayyadamuuf namoota umurii hundumaa irra jiraniif meeshaa Kitaaba Qulqulluu ittiin qoʼatani dha. Namoota garaa qajeelaa qaban hunda gara Yihowaatti akka dhihaatan akka gargaaru homaa hin shakkisiisu. Kitaaba jiraataa afaan ammayyaatiin hiikame dha.”

Hamma ammaatti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa maxxansa Ingiliffaa 2013⁠tti haareffame irratti hundaaʼee hiikame, warra guutummaatti haareffaman 31 dabalatee, guutuun isaa ykn gar tokkoon isaa afaan 187n hiikameera. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa mara irra jiran 65,000 ol taʼanii fi Afaan Roomaaniyaa dubbatan hiikkaa haareffame kana irraa guutummaatti akka fayyadaman hawwii keenya dha.

Sagantaan gammachiisaa taʼe kun ragaa Yihowaan namoota isa jaallatanii fi tokkummaadhaan isa tajaajilan akka eebbisu mirkaneessu dha.—Fakkeenya 10:22.