Dhimma ijoo ta'etti seeni

ONKOLOOLESSA 13, 2022
TAAJIKISTAAN

Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii Dhorkaan Dhugaa Baatota Yihowaa Taajikistaan Irra Kaaʼame Seeraan Ala Akka Taʼe Beeksise

Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii Dhorkaan Dhugaa Baatota Yihowaa Taajikistaan Irra Kaaʼame Seeraan Ala Akka Taʼe Beeksise

Fulbaana 7, 2022​tti, Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii cunqursaa Taajikistaan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti raawwatte ilaalchisee murtoo barbaachisaa taʼe tokko dabarse. Koreen kun Adoolessa 7, 2022​tti dhimma Adirkaayivii fi Taajikistaan gidduu jiru yeroo ilaaletti Dhugaa Baatota Yihowaatiif murteesseera. Dhimmi kun yeroo Dhugaa Baatonni Yihowaa beekkamtii seeraa gaafatanitti Taajikistaan isaan diduudhaan hojii isaaniiyyuu dhorkuu ishii kan ilaallatu ture.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Taajikistaan keessatti hojiisaanii hojjechuu erga eegalanii waggaa 50 ol taʼeera. Dhaabbanni Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Taajikistaan keessatti gama seeraatiin beekkamtii kan argate bara 1994​tti ture. Haa taʼu malee, Onkoloolessa 11, 2007​tti, Ministirri Aadaa galmeesaanii haquudhaan waaqeffannaasaanii dhorke. Mootummaan biyyattii, tajaajilli Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwatan, qalbiinsaanii waan isaaniif hin heyyamneef tajaajila loltummaa kennuu diduunsaanii fi amantiinsaanii dhugaa akka taʼe dubbachuunsaanii mankaraarsitoota akka isaan taasise ibseera. Dhaabbanni Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Taajikistaan keessatti gama seeraatiin beekkamtii argachuuf irra deddeebiʼee carraaqus, akka fashalaaʼu taasifameera.

Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii, murtoo dhiheenya kana dabarserratti Taajikistaan hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkuun ishii seeraan ala akka taʼe beeksiseera. Sababiin Taajikistaan hojii Dhaabbata Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkuu fi seera biratti beekkamtii akka hin arganne gochuuf dhiheessite kamiyyuu fudhatama akka hin qabne ibseera.

Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii, Taajikistaan, Dhaabbanni Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa seera biratti beekkamtii akka hin arganne dhorkuun ishii Dhugaa Baatonni Yihowaa “akka hidhaman, waajjira poolisii akka tursiifaman, akka qorataman, manni isaanii akka sakattaʼamu, akka reebaman, qabeenyi dhaabbata amantiisaanii akka dhaalamuu fi Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko biyyaa akka ariʼamu” taasisuusaa gabaaseera. Kanaan kan kaʼes, Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii mirgi Dhugaa Baatonni Yihowaa qabanii fi seera Waliigaltee Biyyoolessaa Mirga Siivilii fi Mirga Siyaasaa Mootummoota Gamtoomanii irratti argamu akka cabsame ibseera.

Maanguddoo umurii waggaa 71 kan taʼan obboleessi keenya Shaamiil Kaakiimoov Guraandhala 2019 kaasee mana hidhaa jiru

Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii Taajikistaan iyyata Dhugaa Baatonni Yihowaa seera biratti beekkamtii argachuuf dhiheeffatan irra deebitee akka ilaaltuu fi warra mirgi isaanii sarbameef beenyaa akka kaffaltu ajajeera. Mootummaan Taajikistaanis “yakkawwan mirga namummaa akkasii gara fuulduraattis akka hin raawwatamne dhorkuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe hunda fudhachuuf dirqamni akka isarra jiru” itti himameera.

Murtoon Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii dabarse kun, maanguddoo umurii waggaa 71 kan taʼan obboleessa keenya Shaamiil Kaakiimooviinis ni ilaallata. Obboleessi kun, sochii amantiisaanii irratti karaa naga qabeessa taʼeen waan hirmaataniif, Guraandhala 2019 kaasee hidhamanii jiru. Abbootiin taayitaa Taajikistaan, obboleessa kana qabanii kan hidhan hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkaa jala waan jiruuf qofadha.

Murtoon Koreen Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomanii dabarse kun Dhugaa Baatota Yihowaa Taajikistaan keessa jiraniif bilisummaa amantii argamsiisa jennee abdanna. Yihowaan carraaqqii “misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf” taasifamu akka eebbisu ni kadhanna.—Filiphisiyus 1:7.