Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 7, 2021
TAAJIKISTAAN

Manni Murtii Loltootaa Taajiik Obboleessa Ruustaamjoon Nooroovitti Hidhaa Waggaa Sadii fi Walakkaa Murteesse

Manni Murtii Loltootaa Taajiik Obboleessa Ruustaamjoon Nooroovitti Hidhaa Waggaa Sadii fi Walakkaa Murteesse

Amajjii 7, 2021, manni murtii loltootaa Taajiik Obboleessi Ruustaamjoon sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu waan dideef hidhaa waggaa sadii fi walakkaa itti murteesseera.

Isatti murtaaʼuu isaa dura, mana murtichaatti akka dubbatu carraan isaaf kennamee ture. Innis Kitaaba Qulqulluu irraa yaada hedduu eeruudhaan sababa tajaajila loltummaa kennuu itti dide ija jabinaan ibseera. Kana malees, Waaqayyoof amanamaa taʼee akka itti fufu maaltu akka isa gargaare ibseera.

Filiphisiyus 4:13 isa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhu caqaseera. Dabalataanis akkas jedheera: “Yeroo kana hundatti, Waaqni koo Yihowaan, akkan abdii hin kutanne, gammadaa akkan taʼuu fi seequu koo akkan itti fufu naa wajjin taʼee jabinaa naaf kennaa akka jiru natti dhagaʼama. Kana naaf gochuu isaatiif baayʼeen isa galateeffadha, akkasumas Dhugaa Baatota isaa keessaa tokko taʼee isa tajaajiluu kootti nan boona.”