Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 22, 2021
TAAJIKISTAAN

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov Mana Hidhaa Taajikistaaniitii ni Hiikame

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov Mana Hidhaa Taajikistaaniitii ni Hiikame

Fulbaana 21, 2021, Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov mana hidhaa magaalaa Yaavan isa Taajikistaanitti argamu keessaa ni hiikame. Sababii qalbii isaatiin kan kaʼe tajaajila loltummaa kennuu waan dideef Onkoloolessa 2020 kaasee hidhamee jira. Waggaa sadii fi walakkaaf akka hidhamuu itti murtaaʼee ture, taʼus seera haaraa hojii irra ooluu jalqabeen kan kaʼe utuu hidhaa isaa hin xumurin gadhiifameera.