Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov Taajaakstaanitti mana hidhaatii gadhiifamuu isaa dura

ONKOLOOLESSA 12, 2021
TAAJIKISTAAN

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov, Yeroo Hidhamee Turetti Amala Gaarii Waan Argisiiseef Gadhiifameera

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov, Yeroo Hidhamee Turetti Amala Gaarii Waan Argisiiseef Gadhiifameera

Akkuma duraan ibsamee ture, Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov amma umuriin isaa waggaa 22 yoo taʼu, hidhamtootaaf dhiifama gochuu ilaalchisee seera jiʼa kanatti hojii irra ooluu eegaleen kan kaʼe Fulbaana 21, 2021 utuu yeroon isaa hin gaʼin mana hidhaa Taajaakstaanii gadhiifameera. Walumaa galatti buufata poolisiitti jiʼa sadii hidhameera. Waggaa sadii fi walakkaa akka hidhamuuf Caamsaa 10, 2021 mana sirreessaa Yaavaan jirutti geeffame. Ruustaamjoon bakka tursiisa shakkamtootaa yeroo turetti, qoratamaa fi hidhamee yeroo turetti namoonni isa argan amala gaarii inni qabuu fi amanamummaa isaa baayʼee dinqisiifatu turan.

Yeroo tokko utuu Ruustaamjoon qoratamaa jiruu, koloneeliin tokko harka qabee nagaa gaafachuuf gara isaa dhaqe. Achiis koloneeliin kun cimina, onnannaa fi kutannoo isaatiif baayʼee akka isa kabaju dubbate. Itti fufees akkas jedhe: “Namni amantii qabu hundi akka kee taʼuu qaba.” Achiis akkas jedhe: “Mee yaadi waggoota hedduu booda yeroo seerri tajaajila siviilii Taajaakistaanitti raggaʼu, maqaan kee namoota mirga lammiilee kanaaf aarsaa kaffalan keessaa tokko taʼa.”

Ruustaamjoon yeroo mana hidhaa turetti, warra kaaniif dhugaa baʼiinsa guddaa kennaa tureera. Amala gaarii qabaachuu isaatiin kan kaʼe, leenjii addaa Gamtaan Awurooppaa sirreeffamtoonni yeroo gadhiifamanitti hojii akka argatan gargaaruuf qopheesse irratti akka hirmaatu aangawoonni mana hidhaa isa afeeraniiru. Xumura leenjichaa irratti bulchiinsi mana hidhichaa Ruustaamjooniif waraqaa ragaa fi xalayaa dinqisiifannaa dhimmee hojjechuu isaa ibsu isaaf kenneera. Ruustaamjoon akka dubbatetti, aangawoonni kun amala gaarii kana qabaachuu kan dandaʼe qajeelfama Kiristiyaanaa hojii irra waanan aoolcheef akka taʼe hubataniiru.

Ruustaamjoon gadhiifamuu isaa dura seerri dhiifama gochuu ilaallatu isas akka dabaltu mirkanaaʼaa hin turre. Haa taʼu malee, hidhamtoonni kaan maqaa gaarii inni mana hidhaa sanatti qabu eeruudhaan akka inni gadhiifamu dubbataa turan. Aangawoonni mana hidhaa hedduunis isa jajjabeessaniiru.

Akkuma Ruustaamjoon dargaggoota Dhugaa Baatotaa amanamoon walaba taʼuu fi ejjennoo cimaa qabaachuu isaaniitiin hidhaman, ‘ifni isaanii namoota duratti akka ifu godhu.’ Hunda caalaa immoo ‘hojiiwwan gaariin’ kun Waaqa keenya Yihowaaf jajannaa fi ulfina fidu.—Maatewos 5:16.