Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Joovidoon Booboojoonoo

SADAASA 18, 2020
TAAJIKISTAAN

Pireezidaantiin Taajiiki Obboleessa Joovidoon Booboojoonooviif Dhiifama Waan Godheef Mana Hidhaatii Gadhiifame

Pireezidaantiin Taajiiki Obboleessa Joovidoon Booboojoonooviif Dhiifama Waan Godheef Mana Hidhaatii Gadhiifame

Obboleessi Joovidoon Booboojoonoov Sadaasa 1, 2020 erga mana hidhaatii gadhiifamee booda, “Yihowaan amantii kootti cimee akkan itti fufu na gargaareera” jedheera. Guyyaa kana dura Pireezidaantiin Taajaakistaan hidhamtoota 377 kaanii wajjin obboleessa Joovidooniif dhiifama godheera. Joovidoon sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu waan dideef hidhaa waggaa lamaa itti murteeffame keessaa jiʼa sagal hidhameera.

Onkoloolessa 4, 2019 loltoonni Joovidoon isa yeroo sanatti umuriin isaa waggaa 19 ture mana isaatii dirqiidhaan fuudhuudhaan waajjira loltootaatti isa hidhan. Sana booda jiʼoota hedduudhaaf buufata loltootaa hedduutti geeffameera. Buufata loltootaa yeroodhaaf itti hidhame hundumaatti (TDF) tajaajila loltummaa maaliif kennuu akka dide ibsuun isa barbaachisee ture. Joovidoon akkas jedheera: “Ajajjoonnii fi loltoonni hedduun gaaffii sirrii hin taane kan na gaafatan siʼa taʼu, hundi isaanii iyyuu amantii koo akkan ganu barbaadanii turan. Aariidhaan akkan dubbadhuuf gaaffiiwwan kanaan na tuttuquu yaalu turan. Yeroo tokko tokko halkan na dammaqsanii tajaajila loltummaa kennuu maaliif akkan dide gaaffiidhuma wal fakkaatu irra deddeebiʼanii na gaafatu.

“Haa taʼu malee, kadhannaan na gargaareera. Buufata loltootaatti guyyaa fi halkan hundumaa jabaadhee akkan dhaabadhu, akkan isa hin gaddisiisnee fi aariidhaan deebii akkan hin kennine Yihowaan akka na gargaaru imimmaan koo dhangalaasaan isa kadhadha.

“Yihowaan harka koo cimsee qabeera . . . Yommuu kophummaan natti dhagaʼamu nan dhiphadha ture. Taʼus Yihowaan karaa uumama isaa na jabeesseera. Ganama ganama yommuun hirribaa kaʼu hunda waca simbirroo nan dhagaʼan ture. Halkan addeessaa fi urjiin ilaala. Kennaawwan Yihowaa kunneen akkan gammaduu fi akkan jajjabaadhu na gargaaraniiru.”

Joovidoon Ebla 2, 2020 yakkamaa akka taʼe itti murteeffamee buufata loltootaa TDF irraa gara mana hidhaatti geeffame. Xalayaa akka fudhatu isaaf hin heyyamamne. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni naannichaa nyaata isaaf fidu akkasumas caqasa guyyaa karaxiitii miʼa ittiin qabatan irratti isaaf barreessu turan. Joovidoon akkas jedheera: “Kun kophummaan akka natti hin dhagaʼamne akkasumas michoonni koo jaalala qabeeyyii akka taʼan hubachuuf na gargaareera.”

Kana malees, Joovidoon caqasawwan nama jajjabeessan kan akka Roomaa 8:37-39 yaadachuu isaatti baayʼee galateeffata. Akkas jedheera: “Mana hidhaatti jechoonni caqasa kanaa dhugaa taʼuu isaanii hubadheera. Qorumsi kam iyyuu jaalala Yihowaa irraa na fageessuu hin dandeenye. Yihowaan amantii kootti jabaadhee akkan itti fufu na gargaareera.”

Muuxannoon Joovidoon maatii isaa jajjabeesseera. Abbaan isaa Abdujaamool akkas jedheera: “Kadhannaa fi fakkeenya gaarii ilmi keenya qorumsa kana keessatti Yihowaaf amanamaa taʼuudhaan nuuf taʼeen amantiin keenya cimeera. Obboloonnii fi obboleettonni keenya addunyaa mara jiran baayʼee nu gargaaraniiru. Kadhannaa isaanii baayʼee dinqisiifanna. Yihowaan michoota jaallatamoo fi namaaf yaadan akkasii nuu kennuu isaatti baayʼee isa galateeffanna.”

Yeroo dhumaa kanatti hundi keenya qorumsi “akka ibiddaa” akka nu mudatu ni eegna. (1 Pheexiros 4:12) Joovidoon akkas jechuudhaan xumureera: “Amma waanan bilisa baʼeef, bilisummaa kana beekumsa koo guddifachuu fi qorumsa fuulduratti na mudatuuf qophaaʼuuf itti fayyadamuuf karoorfadheera. Warri hamma ammaatti qorumsi cimaan isin hin mudanne, Dubbii isaa fi barreeffamoota keenya dubbisuudhaan bilisummaa qabdan beekumsa Yihowaa guddifachuuf guutummaatti fayyadamuun keessan ariifachiisaa dha.”