Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 31, 2021
TAAYILAANDI

Masaraan Eegumsaa Afaan Taayiin Hiikamuu Erga Jalqabee Waggaa Torbaatamii Shan Taʼe

“Yihowaatti amanami, jabaadhuu hojjedhu, nama hiiku ni argatta”

Masaraan Eegumsaa Afaan Taayiin Hiikamuu Erga Jalqabee Waggaa Torbaatamii Shan Taʼe

Maxxansi Masaraa Eegumsaa afaan Taayiin hiikame inni jalqabaa erga qophaaʼee Amajjii 1, 2022​tti waggaa 75 taʼa.

Misiraachichi Taayilaandi kan gale bara 1931ti dha. Yeroo misiraachichi lallabamuu jalqabetti obboloonni barreeffamoota Afaan Chaayinaa, Ingiliffaa fi Jaappaaniin qophaaʼan kumaan lakkaaʼaman raabsaa turan. Yeroo sanatti Afaan Taayiin kan hiikame buukleetii Protection jedhamu qofa ture.

Qajeelchitoonni biyya biraa biyyichatti tajaajilaan garaa namoota hedduu tuquudhaaf barreeffamoonni dabalataa Afaan Taayiin qophaaʼuu akka qaban hubatan. Kanaafuu, obboleessi Wiil Angaalubee gargaarsa gaafachuuf obboleessa Raazarfoordiif barreesse. Obboleessi Raazarfoordis, “Yihowaatti amanami, jabaadhuu hojjedhu, nama hiiku ni argatta” jedheen.

Muddee 1939​tti obboleessi Kurti Gruubeerii fi Wiil Angaalubee kaabaa Taayilaanditti tajaajilaa turan. Itti gaafatamtuu mana barumsaa shamarranii Preesbiyaanii isa Chiyaangi Maayiitti argamuu kan taate Chomchaayi Intaaphaan barreeffama Afaan Ingiliffaan qophaaʼee fi obboloonni raabsaa turan argatte. Achii, Chomchaayi ishiin Afaan Ingiliffaa fi Afaan Taayii akka gaariitti dandeessu dhugaa akka argatte hubatte.

Chomchaayi Intaaphaan

Chomchaayi mormii hedduun kan ishii irra gaʼee fi maallaqni hedduun kan ishiidhaaf dhihaate taʼus mana barumsichaa fi waldicha dhiistee baʼuudhaan cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taate. Barreeffamni akka hiiktu ishiif kenname inni jalqabaa kitaaba Salvation jedhamu dha. Chomchaayi yeroo booda miseensota maatii Beetel Bankooki warra jalqabaa keessaa tokko taateetti; waggoota hedduudhaafis kophaa ishii barreeffamoota Afaan Taayiitti hiikaa turte. Yeroo booda immoo dubartoonni biyyichaa dhugaa fudhachuudhaan hojii hiikkaa irratti gargaarsa gochuu jalqaban.

Yommuu waraanni addunyaa lammaffaa jalqabetti hojiin hiikkaa Afaan Taayiin hojjetamaa ture addaan cite; waraanicha booda garuu utuu hin turin deebiʼee jalqabe. Maxxansi Masaraa Eegumsaa Amajjii 1947 Afaan Taayiitti hiikame; achiis maashinii miimoogiraafii jedhamuun mana misiyoonotaa keessatti koppiin 200 ni maxxanfame. Malli maxxansaa kunis hanga bara 1952​tti, jechuunis hanga baayʼinni barreeffama jiʼa jiʼan maxxanfamuu 500 gaʼutti itti fufee ture. Achiis obboloonni barreeffamoota mana maxxansaa daldalaatti maxxansuu eegalan. Bara 1993​tti waajjirri damee Jaappaan barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! Afaan Taayiin qophaaʼan addunyaa maratti akka raabsamaniif maxxansuu eegale.

Miseensota garee hiikkaa fi proodaakshinii Afaan Taayii fi Afaan Mallattoo Taayii

Yeroo ammaatti obboloonnii fi obboleettonni 80 taʼan waajjira damee Taayilaandii fi waajjira hiikkaa fagoo lama keessa jiran hojii hiikkaa hojjechaa jiru. Masaraan Eegumsaa Afaan Taayii malees afaan Akhaa, Laahuu, Laʼootiyaanii fi Afaan mallattoo Taayiin hiikamaa jiru.

Babalʼistoonni 5,000 ol taʼanii fi waajjira damee Taayilaandi jala jiran Masaraa Eegumsaa afaan isaaniitti hiikame qabaachuu isaaniitiin Yihowaa ni galateeffatu.—Fakkeenya 10:22.