Dhimma ijoo ta'etti seeni

BITOOTESSA 21, 2023
TOOGOO

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kaabiyeetiin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kaabiyeetiin Baʼe

Bitootessa 12, 2023, Obboleessi Wiilfiriid Sohiintoo inni Miseensa Koree Waajjira Damee Beeniin Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kaabiyeetiin akka baʼe beeksise. Beeksisni kun kan himame walgaʼii Toogoo, magaalaa Kaaraatti qaamaan godhamee fi namoonni 2,959 ol argaman irrattidha. a Akkuma haasichi xumurameen, Kitaabni Qulqulluun inni bifa maxxansaatiin qophaaʼe dhaggeeffattootaaf kan raabsame yommuu taʼu, isa bifa dijitaalaatiin jirummoo garagalfachuun akka dandaʼamu taasifame.

Afaan Kaabiyee baayʼinaan kaaba Toogootti dubbatama. Akkasumas biyyoota ollaa kanneen akka Beeniin fi Gaanaatti ni dubbatama. Afaan Kaabiyee, afaan dhalootaa namoonni gara miliyoona tokkoo dubbatanidha.

Waajjirri hiikkaa fagoo afaan Kaabiyee Toogoo magaalaa Kaaraa keessatti argama

Afaan Kaabiyyeetiin Kitaabonni Qulqulluun kan biroon kan jiran taʼus, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo guutummaa kitaabichaa keessatti bakka sirrii taʼetti galchuudhaan isa jalqabaadha. Kitaabni Qulqulluun afaan kanaan ba‵e kan biraan tokko Baʼuu 3:15 qofarratti maqaa Waaqayyoo qabateera.

Hiiktota keessaa tokko Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa baʼe ilaalchisee akkana jedheera: “Yihowaan Kitaaba Qulqulluu kana nuu qopheessuuf hojii hiikkaa sana deggeraa ture. Kitaabni kun tajaajilarratti nu gargaara akkasumas walgaʼii gumiirratti itti fayyadamuun baayʼee nu gammachiisa.”

Obboloonni keenya afaan Kaabiyee dubbatan kennaa dinqisiisaa ‘maqaa Waaqayyoo jajachuuf’ isaan gargaaru argachuu isaaniitti baayʼee gammanna.—Faarfannaa 135:1.

a Hojii lallabaa Toogoo keessatti raawwatamu ol aantummaadhaan kan toʼatu Waajjira Damee Beeniinidha.