Dhimma ijoo ta'etti seeni

Volkaanoon bishaan jalaa naannoo Toongaatti dhoʼe odoolatti daaraadhaan uwwiseera. Sunaamiin kun miidhaa guddaa geessiseera

AMAAJJII 26, 2022
TOONGAA

Volkaanoon Dhoʼee fi Sunaamiin Toongaatti Miidhaa Guddaa Geessise

Volkaanoon Dhoʼee fi Sunaamiin Toongaatti Miidhaa Guddaa Geessise

Amajjii 15, 2022, dhoʼiinsi volkaanoo galaana Paasifiikii jalaa kaʼe sunaamii uumuudhaan odolawwan Toongaa irratti miidhaa dhaqabsiiseera. Miidhaan inni geessises hamma Ameerikaa Kibbaa fi Jaappaan gaʼeera. Daaraan volkaanoo sanaa odoolota hedduu irra buʼeera, lolaanis naannoowwan hedduu waliin gaʼeera. Lamaanuu miidhaa guddaa geessiseera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya irra miidhaan hin geenye

Hojii Gargaarsaa

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa ni hundeeffame

  • Obboloonni bishaan dhugaatii kan argatan achi irraa waan taʼeef baaxii mana isaanii irraa daaraa qulqulleessuu irratti obboloota miidhaan isaan irra gaʼe gargaaraa turan

  • Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfama of eeggannoo KOOVIID-19 wajjin karaa wal simuun hojjetamaa jira

Obboloonni barsiifata hafuuraa isaaniitti dafanii deebiʼaniiru, walgaʼiis yeroo hunda godhatu. Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya balaa kanaan miidhaman akka ‘gargaaree fi akka jajjabeesse’ mirkanaaʼoo dha.—Faarfannaa 86:17.