Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Iziizaa Atabaayeev erga mana hidhaatii baʼee booda

AMMAJJII 14, 2021
TURKIMEENISTAAN

“Gargaarsa Yihowaatiin Rakkina Kana Keessa Darbeera”

“Gargaarsa Yihowaatiin Rakkina Kana Keessa Darbeera”

Obboleessi keenya Iziizaa Atabaayeev inni Turkimenistaan keessa jiraatu qalbiin isaa waan isaaf hin heyyamneef tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu didee ture. Kanaan kana kaʼes hidhaa waggaa lamaa itti murteeffamee ture amanamummaadhaan xumureera. Achiis, Muddee 19, 2020 gadhiifameera. Waggoota kurnan darban keessatti obboloonni keenya biyya kana keessa jiraatan 46 tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu diduudhaan hidhamaniiru.

Bara 2016⁠tti obboleessi keenya Iziizaan waraana biyyattiitti akka makamu waamichi isaaf dhihaatee ture. Haa taʼu malee, qalbiin isaa waan isaaf hin heyyamneef tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu dideera. Dhimmi isaas gara magaalaa waajjirri abbootiin alangaa jirutti geeffameera. Achiis Iziizaan gara waggaa lamaa booda mana murtiitti dhiheeffame. Manni murtiis Muddee 19, 2018⁠tti mana hidhaa akka galu murtii dabarse.

Iziizaan akkana jedheera: “Mana hidhaa galuu koo dura haala na irra gaʼu ilaalchisee namoota haalli akkasii isaan irra gaʼe ykn mana hidhaa galanii turan haasofsiiseen ture. Barreeffamoota keenya irraa seenaawwan jireenyaa garaa garaa dubbiseera. Kitaaba Qulqulluu irraas yaadawwan nama jajjabeessan dubbiseera.”

“Ganama mana murtiitti dhihaachuu koo dura obboleessi tokko yaada Isaayyaas 30:15 jiruu fi ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jedhu natti argisiise. Caqasni kun yeroo hundumaa wanta hunda irratti akkan tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti akkan amanamu na gargaareera. Yeroon mana hidhaa turetti caqasa kana irratti xiinxaluun koo na gargaareera.”

Haalli mana hidhaa keessa jiru ulfaataa taʼus, wanti caalaatti Iziizaatti ulfaate garuu maatii isaa irra adda baʼuu isaa ti. “Mana hidhaa keessatti obboloota naa wajjin hidhamanii jiranii wajjin walitti dhihaadheera. Michoota dhugaa naaf taʼuudhaan maatii koo fi hiriyoota koo akkan hin yaanne na gargaaraniiru.”

Iziizaan carraa kanatti fayyadamee warra kaaniif lallabeera. Akkana jedheera: “Jalqaba irratti namoota mana hidhaa keessa jiran tokko tokkotti waaʼee amantii koo himuu yommuun jalqabu na mormanii turan. Yeroo booda garuu namoonni na morman kun na dhaggeeffachuu jalqaban. Namoota hidhaman haaraatiifis yeroon lallabu isaanis na mormu turan. Haa taʼu malee, namoonni ani jalqaba irratti isaaniif lallabe na deggeruudhaan wanta na irraa baratan namoota haaraa hidhamanitti himuu jalqaban.”

Iziizaan qorumsa gara fuulduraatti nu mudatu ilaalchisee akkana jedheera: “Qoʼannaa dhuunfaa gadi fageenya qabuu akka gootanii fi kadhannaadhaan gara Yihowaatti akka dhihaattan isinan jajjabeessa. Wanta isin sodaachisuu fi miira isinitti dhagaʼamu dabalatee, wantoota hundumaa Yihowaatti himuun keessan barbaachisaa dha.

“Gargaarsa Yihowaatiin rakkina kana keessa darbeera. Yihowaan ammas akka na gargaaru hin shakku. Qorumsa gara fuulduraatti na eeggatus hin sodaadhu”—Faarfannaa 118:6.