AMAJJII 13, 2021
TURKIMEENISTAAN
Manni Murtii Loltootaa Turkmeen Obboleessa Keenya Ruuslaan Artikimiyiraadov Irratti Hidhaa Waggaa Lamaa Murteesse
Amajjii 11, 2021tti, manni murtii loltootaa Turkmeen obboleessi keenya Ruuslaan Artikimiyiraadov yakkamaa akka taʼetti himachuudhaan hidhaa waggaa lamaa itti murteesse. Obboleessi keenya Ruuslaan Tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waan dideef yeroo lammaffaadhaaf hidhame.
Murtiin kun erga irratti murteeffamee booda illee tasgabbii guddaadhaan seeqaa ture. Yeroo gara mana hidhaatti geeffamaa turettis yaada Yesuus Maatewos 24:13 irratti dubbatee fi “namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu . . . ni fayya” jedhu caqasee ture.
Amantii cimaa obboloonni keenya dargaggoota taʼanii fi Turkimenistaan keessa jiraatan qabanitti jajjabaanneerra. Isaan fedhiidhaan fakkeenya Yesuus isa “gammachuu isa dura jiruuf jedhee” rakkoowwan hedduu dandamatee hordofaniiru.—Ibroota 12:2.