HAGAYYA 7, 2020
TURKIMEENISTAAN
Manni Murtii Turkmeen Obboleessa Eldoorii fi Saanjaarbeek Saaburoovitti Hidhaa Waggaa Lamaa Murteesse
Hagayya 6, 2020 manni murtii Turkmeen obboleessa Eldoorii fi Saanjaarbeek Saaburoov sababa qalbii isaaniitiin loltuu taʼuu waan didaniif hidhaa waggaa lamaa isaanitti murteesse. Eldoor umuriin isaa 21, Saanjaarbeek immoo 25 siʼa taʼu, lamaanuu obbolaa dha. Manni murtii obboloonni kun ol iyyannoo akka dhiheessan isaaniif hin heyyamne. Loltuu taʼuu diduu isaaniitiin kan kaʼe yakkamtoota akka taʼan yeroo itti murteeffamu kun siʼa lammaffaa dha.
Bara 2016 obboleessi Saanjaarbeek Saaburoov loltuu taʼuuf galmaaʼuu akka hin barbaanne kabajaan didee ture. Kanaan kan kaʼes, yakkamaa akka taʼetti ilaalamuudhaan waggaa lamaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murteeffamee ture.
Waggaa itti aanu obboleessi isaa quxusuun Saanjaarbeekis tajaajila loltummaa kennuu dide. Kanaafuu waggaa lamaaf hojii humnaa akka hojjetuu fi mindaa isaa irraa parsantiin 20 mootummaadhaaf akka galu itti murteeffame.
Akka seera Turkmeenitti namni tokko sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu diduu isaa yoo itti fufe yeroo lammataatiif himatamuu dandaʼa. Ebla 2020, waajjirri loltoota galmeessu obboloonni kun akka galmeeffaman yeroo lammataatiif isaan gaafate. Taʼus, obboloonni kun lamaanuu galmaaʼuu didan. Kanaan kan kaʼes, yakkaan waan himatamaniif hidhaan isaanitti murteeffame.
Dhiphina miiraa isaan irra gaʼu malees, hidhamuun obbolaa kanaa warra isaanii irratti rakkina guddaa geessisa. Abbaan isaanii dhukkuba dugdaa cimaa waan qabuuf, baayʼee hojjechuu hin dandaʼu. Ilmaan isaa jirbii oomishuudhaan maaticha deggeru turan. Amma garuu waan hidhamaniif maatii isaanii qarshii isaan barbaachisu argachuu hin dandaʼan. Faallaa kanaatiin warri isaanii ilmaan isaanii mana hidhaa jiraniif kunuunsa gochaa jiru.
Turkmeensitaan namoota loltuu hin taaneef hojii siviilii akka filannaatti hin kennan. Kanaafuu, dargaggoonni sababii qalbii isaaniitiin tajaajila loltummaa irratti hin hirmaanne hidhaa waggaa tokkoo hanga afurii isaanitti murteeffama. Turkmeensitaan keessa Obbolaa kana dabalatee Dhugaa Baatonni kudhan sababa qalbii isaaniitiin hidhamanii jiru.
Obboloonni Turkmeensitaan kun ija jabinaan dhaabbachuu isaaniif Yihowaan akka isaan eebbisu ni beekna. Hundi isaanii Waadaa Yihowaan, “gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa; abdiis hin kutatinaa” jechuudhaan Aasaa mootichaaf gale haa yaadatan. (2 Seenaa 15:7).