Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Iloosbeek Roozmeetoov

AMAJJII 22, 2021
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Iloosbeek Roozmeetoov Sababa Qalbii Isaatiin Yeroo Lammataatiif Hidhaan Itti Murtaaʼe

Obboleessi Iloosbeek Roozmeetoov Sababa Qalbii Isaatiin Yeroo Lammataatiif Hidhaan Itti Murtaaʼe

Murtii

Amajjii 19, 2021⁠tti manni murtii Turkimeen obboleessi Iloosbeek Roozmeetoov yakkamaa akka taʼe murteesse. Sababa qalbii isaatiin mana hidhaa eegumsa cimaa qabu keessatti waggaa lamaaf hidhamee ture. Sababa qalbii isaatiin yommuu hidhamu kun isa lammaffaa ti.

Ibsa Gabaabaa

Iloosbeek Roozmeetoov

  • Bara Dhalootaa: 1997 (Andaaliib)

  • Seenaa Jireenyaa: Quxisuuwwan lama kan qabu yeroo taʼu, umurii isaa waggaa kudhanii jalqabee maatii isaa deggeruuf mana barumsaa booda hojii ni hojjeta ture. Ispoortii hojjechuu, kitaaba dubbisuu fi muuziqaa dhaggeeffachuu jaalata. Haati isaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde bara 2010⁠tti yeroo taʼu, inni immoo waggaa tokko booda qoʼachuu jalqabe

Himata

Iloosbeek Roozmeetoov Adoolessa 11, 2018⁠tti yeroo sanatti umuriin isaa waggaa 20 ture tajaajila loltummaa kennuu waan dideef kaampii hojiin humnaa itti hojjetamuu fi Seeydii jedhamutti hidhaan waggaa tokko itti murtaaʼe ture. Waggaa tokkoof erga hidhamee booda gadhiifame. Akka seera Turkimeenitti tajaajila loltummaa kennuu diduu isaatiin yeroo lammataatiif himatamuu dandaʼa.

Iloosbeek Sadaasa 25, 2020⁠tti tajaajila loltummaa akka kennu yeroo lammataatiif waamame. Yeroo kanatti amantii isaa kabajaan ibseera. Haa taʼu malee, abbootiin taayitaa himata yakkaa isa irratti banan; yeroo lammataatiif tajaajila loltummaa kennuu waan dideef yeroo dheeraa akka hidhamu itti murtaaʼe.

Iloosbeek hidhaan isaa inni jalqabaa “baayʼee ulfaataa” akka ture ibseera. Wanti dandamachuuf isa gargaare caqasoota mana hidhaa galuu isaa dura dubbisee fi yaadatu ture. Keessumaa Filiphisiyus 4:6, 7 irratti xiinxaluun isaa isa fayyadeera. Caqasni kun ‘waaʼee waan tokkoo illee akka hin yaaddofne,’ ‘nagaa Waaqayyoo’ argachuuf akka kadhatuu fi yeroo rakkisaa taʼetti akka tasgabbaaʼu isa gargaareera. Iloosbeek, “yeroo rakkisaa taʼe sanatti dhaabbataadhaan Yihowaa nan kadhadhan ture; innis na bira akka jiru natti dhagaʼama ture” jedheera.

Yihowaan Iloosbeekis taʼe warra isa abdatan hundumaa jabeessuu isaa akka itti fufu amanannaa qabna.—Isaayaas 40:29-31.