Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 8, 2021
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Keenya Artar Yaangibayeev Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Irratti Hirmaachuu Waan Dideef Yeroo Lammaafaaf Akka Hidhamu Itti Murtaaʼeera

Obboleessi Keenya Artar Yaangibayeev Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Irratti Hirmaachuu Waan Dideef Yeroo Lammaafaaf Akka Hidhamu Itti Murtaaʼeera

Murtii

Amajjii 18, 2021 Manni murtii Turkimeen obboleessi keenya Artar Yaangibayeev sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waan dideef waggaa lamaaf akka hidhamu itti murteesseera. Kun tajaajila loltummaa kennu diduu isaatiin yeroo itti murtaaʼu isa lammaffaadha.

Ibsa gabaabaa

Artar Yaangibayeev

  • Bara dhalootaa: 1997 (Seeyid)

  • Seenaa Jireenyaa: Artar ijoollummaa isaatti rakkoowwan hedduun isa mudateera. Kunis gaaffii jalʼinni haqaa addunyaa keessatti kan baayʼate maaliifi? Jedhu akka gaafatu isa taasiseera. Obboleettii isaa ishii Dhugaa Baatuu taate waliin gaaffii kana irratti mariʼatan. Kunis umurii isaa waggaa 13tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf isa kakaaseera. Bara 2014tti immoo ni cuuphame

    Hojii ijaarsaa fi Appaartaamaawwan haaressuu hojjeta. Warri Artar ilma arjaa fi itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taʼetti isa ibsu. Olloonni isaa haawaassicha keessatti inni nama amanamaa waan taʼeef baayʼee isa kabaju

Himata

Hagayya 8, 2016tti Artar sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waan dideef mana hidhaa hanga murtiin kennamutti itti tursiisan akka galu taasifame. Hagayya 30tti immoo waggaa lamaaf hojii humnaa akka hojjetu itti murtaaʼe. Fulbaana 2018, Artar yeroo hojii humnaa akka hojjetuuf itti murtaaʼe xumure.

Muddee 15, 2020tti Yeroo lammaffaaf tajaajila waraanaa akka kennu gaafatame. Achiis utuma hin turin waajjirri abbaa alangaa gaafannoo isaaf godhe akkasumas tajaajila loltummaa irratti akka hirmaatu qalbiin isaa kan isaaf hin heyyamne maaliif akka taʼe xalayaadhaan akka ibsu isa gaafate.

Muddee 30tti waajjirri abbaa alangaa himanni yakkaa akka isa irratti baname isatti himan. Abbootiin taayitaa paaspoortii isaas harkaa fuudhaniiru.

Artar murtii isaa isa jalqabaa booda akkana jedheera: “Yaadni Kitaaba Qulqulluu Roomaa 8:37-39 irratti argamu eenyu iyyuu Yihowaadhaaf amanamaa akkan hin taane na gochuu akka hin dandeenye amanannaa naaf kenneera.” Artar gargaarsa Yihowaatiin, haala rakkisaa kana akka dandamatu ni hubanna.