Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Maaksaat Jumaadurdiyeev

AMAJJII 28, 2021
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Maaksaat Jumaadurdiyeev Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Irratti Hirmaachuu Waan Dideef Yeroo Lammafaaf Hidhame

Obboleessi Maaksaat Jumaadurdiyeev Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Irratti Hirmaachuu Waan Dideef Yeroo Lammafaaf Hidhame

Murtii

Amajjii 18, 2021, manni murtii Turkimeen obboleessa keenya Maaksaat Jumaadurdiyeev irratti murtii dabarse. Sababii qalbii isaatiin tajaajila loltummaa irratti waan hin hirmaanneef hidhaan waggaa lamaa itti murtaaʼeera.

Ibsa gabaabaa

Maaksaat Jumaadurdiyeev

  • Bara dhalootaa: 2000 (Seeyid, Naannoo Leebaap)

  • Seenaa Jireenyaa: Obboleettota lama kan qabu siʼa taʼu barumsattis dandeetti guddaa qaba. Taphawwan ispoortii garaa garaa taphachuu jaallata. Kana malees dandeettii fakkii kaasuu qaba. Hawaasa keessa jiraatu keessattis nama gad of qabu, amanamaa fi jabaatee hojjetu taʼuudhaan beekama

    Bara 2018 Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu jalqabe. Achiis bara 2019tti cuuphame. Maatii isaa keessaa Dhugaa Baatuun Yihowaa isa qofadha

Himata

Obboleessi keenya Maaksaat Jumaadurdiyeev kanaan dura tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waan dideef waggaa tokkoof hidhamee ture. Adoolessa 17, 2019tti immoo gadhiifame. Haa taʼu malee Turkiministaanitti namni sababii amantii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu dide yeroo lama yakkaan himatamuu dandaʼa. Kanaafuu Bitooteessa 2020tti Maaksaat tajaajila loltummaa akka kennuuf siʼa lammaffaa gaafatame. Ammas hidhamuu akka dandaʼu kan beeku taʼus, tajaajila loltummaa akka hin kennine xalayaa barreessee erge.

Abbootiin taayitaa yeroo hedduu Maaksaatiin erga qoratanii fi qorannoo yaalii fayyaa akka godhu erga isa taasisanii booda, Muddee 30, 2020tti himanni yakkaa kan biraan akka isa irratti baname itti himan. Achiis paaspoortii isaa harkaa fuudhan.

Himanni yakkaa fi hidhaan isaa inni jalqabaa baayʼee ulfaataa ture. Maaksaat akkas jedheera: “bara 2018 yommuun qabamee gara mana hidhaa geeffametti, wanti baayʼee natti ulfaate maatii koo irraa adda baʼuu ture. . . . Sababiin isaas isaan Dhugaa Baatota Yihowaa waan hin taaneef tajaajila loltummaa kennuu yoo didde sin deggerru naan jedhanii turan.”

Maaksaat wanta yaadatu yeroo dubbatu akkana jedheera: “Yaadni Maarqos 10:29, 30 irratti argamu maatii fi michoota koo irraa adda baʼuu kootiin miira natti dhagaʼamu akkan dandamadhu na gargaareera. Yesuus isaa fi misiraachichaaf jennee wanta dhabnu dachaa dhibba akka argannu dubbateera.”

Maaksaat yommuu mana hidhaa keessa turetti, yeroo baayʼee Yihowaan kadhannaa isaatiif atattamaan deebii akka kennee fi haala rakkisaa keessaa karaa itti baʼu akka isaaf qopheesse argeera. Inni yaada Iyyaasuu 1:9 irra jiruu fi “Bakka dhaqxu hundumaatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin naʼin yookiin hin sodaatin” jedhu yeroo baayʼee ni yaadata ture.

Maaksaat himanni inni lammaffaan isa irratti banamuu isaa dura qalbii isaa isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe hordofuuf murtoo godhee ture. Akkana jedheera: “Yeroo lammaffaaf hidhamuun qaba yoo taʼe iyyuu Yihowaan haala rakkisaa akkamii keessatti iyyuu akka na gargaaru amantii qaba. Gorsi Filiphisiyus 4:6, 7 irratti argamu akkan ija jabaadhuu fi tasgabbaaʼu na gargaareera.”

Obboleessa keenya Maaksaatii fi dargaggoota ija jabinaan olaantummaa Yihowaatiif dhaabbataniif kadhachuu keenya itti fufna. Yihowaan amanamummaa obboloonni keenya hidhaman argisiisan akka eebbisu amanannaa qabna.—Mulʼata 2:10.