GURAANDHALA 11, 2021
TURKIMEENISTAAN
Obboleessi Naazaar Aliiyeev Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Kennuu Waan Dideef Hidhaan Waggaa Tokkoo Itti Murtaaʼe
Murtii
Guraandhala 10, 2021, manni murtii Turkmeen Obboleessi Naazaar Aliiyeev sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu waan dideef, yakkamaa akka taʼe ibsuudhaan hidhaa waggaa tokkoo itti murteesse.
Ibsa gabaabaa
Naazaar Aliiyeev
Bara dhalootaa: 2000 (Naannoo Leebaap)
Seenaa jireenyaa: Haadhaa fi obbolaa isaa lamaan wajjin Tuurkmeenaabaat keessa jiraata. Kubbaa harkaa fi kubbaa miillaa taphachuu jaallata. Rakkina onnee lama qaba. Maatii isaa gargaaruuf rifeensa mura
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu jaallachuu haadha isaa irraa barateera. Bara 2015 umurii isaa waggaa 14tti cuuphame. Dargaggeessa gammadaa, arjaa fi gad of qabu taʼuudhaan beekama. Maatiin isaan ejjennoo walabummaa isaa ni deggeru
Himata
Caamsaa 16, 2020, Obboleessi Naazaar Aliiyeev waajjira loltoota galmeessutti geeffame. Hoggantoonni loltuu akka inni taʼe argisiisuuf yunfoormii loltootaa akka uffatu dhiibbaa irratti godhaniiru taʼus tole hin jenne. Caamsaa 28, Naazaar ammas hoggantootaa wajjin kan wal arge yoo taʼu, yeroo kanattis loltuu taʼuu dideera. Jiʼa itti aanutti Naazaar xalayaa waaʼee amantii isaa ibsu waajjira loltoota galmeessuuf barreesse.
Amajjii 4, 2021, Naazaarii fi haati isaa waajjira abbaa alangaa isa koonyaa Kihojaambaaz deemaniiru. Naazaar maaliif loltuu akka hin taane ibsuudhaan akka filannaatti tajaajilli kan biraan akka isaaf kennamu gaafate. Carraaqqii kana hunda godhus namni isa qoru sun himata akka isa irratti banu dubbate.
Naazaar inni umuriin isaa 20 taʼe akkas jedheera: “Haala akkasii keessatti Yihowaatti yommuu amanamtu inni nagaa keessaa siif kenna. Gargaarsa Yihowaatiin tasgabbiidhaan dubbachuu ni dandeessa.”
Dabalataanis akkas jedheera: “Haala uumame yommuun yaadadhu, Yihowaan yeroo hunda akka na deggere natti dhagaʼama. Kun immoo fuuldurattis akka na gargaaru naaf mirkaneesseera.”
Turkmeenistaanitti tajaajilli siviilii akka filannaatti hin kennamu. Kanaan kan kaʼes, obboloonni dargaggoon sababa qalbii isaaniitiin tajaajila loltummaa kennuu didan waggaa lamaaf hidhamuu dandaʼu. Turkmeenistaanitti yeroo ammaatti obboloonni dargaggoon 15 loltuu taʼuu waan didaniif mana hidhaa jiru.
Yihowaan Naazaarii fi obboloota keenya dargaggoo Turkmeenistaan jiran kaaniif ‘amanamaa taʼuu’ akka itti fufu beekna.—Faarfannaa 18:25.