Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 3, 2020
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Peetroosoov Mana Hidhaa Tuurkimenistaanitti Waggaa Tokko Hidhamee Gadhiifame

Obboleessi Peetroosoov Mana Hidhaa Tuurkimenistaanitti Waggaa Tokko Hidhamee Gadhiifame

Obboleessi Deeviidi Peetroosoov umuriiN isaa waggaa 19 siʼa taʼu, Tuurkimenistaan jiraata. Amma iyyuu umurii waggoota kurnanii keessa kan jiru taʼus, qorumsi amantii cimaan isa mudateera: sababa qalbii isaatiin loltuu taʼuu waan dideef waggaa tokkoof hidhameera. Fulbaana 30, 2020⁠tti mana hidhaatii gadhiifame.

Obboleessi Peetroosoov akkas jedheera: “Dhugaa dubbachuuf mana hidhaatti guyyoota tokko tokko baayʼeen gaddan ture. Haa taʼu malee, Yihowaan karaa Dubbii isaa na jajjabeesseera. Yihowaan miira koo akka hubatuu fi na jajjabeessuuf qophaaʼaa akka taʼe beekuun koo kadhannaa akkan isatti dhiheessu na kakaaseera. Caqasoonni adda addaa haala gara garaa keessatti na gargaaraniiru, Filiphisiyus 4:13 garuu yeroo baayʼee nan yaadadha ture.”

Obboleessi Peetroosoov Ashigaabaat ishii magaalaa guddoo Tuurkimenistaan taatetti dhalate. Ijoollummaadhaa kaasee gitaara akka gaariitti taphachuu barateera. Faarfannaa barreessuu, kubbaa miillaa taphachuu, gaara irra baʼuu fi haroo naannicha jiru daakuudhaan yeroo dabarsuu jaallata.

Hiriyaa daree isaa Dhugaa Baatuu taʼe tokkoo wajjin Kitaaba Qulqulluu erga qoʼatee booda bara 2019⁠tti cuuphame. Maatii Deeviidi keessaa Dhugaa Baatuu kan taʼe tokko illee kan hin jirre taʼus, wanta inni itti amanuu fi amantii inni Waaqayyo irratti qabu ni kabaju.

Erga cuuphamee utuu hin turin, tajaajila loltummaa kennuuf galmaaʼuu waan dideef mana murtiitti dhiheeffame. Tuurkimenistaan tajaajila siviilii akka filannaatti hin kennitu. Kanaafuu abbootiin taayitaa waggaa tokko akka hidhamu itti murteessan.

Obboleessi Peetroosoov waggaa tokkoof hidhamee yeroo turetti Yihowaan deggersa isa barbaachisu isaaf godheera. Obboleessi Peetroosoov akkas jedheera: “Yeroon mana hidhaa turetti, haati koo waaʼee obbolootaa fi obboleettota dhufanii na gaafachuu baatanis nagaa natti dhaamanii natti himti turte. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo hunda akka naaf kadhatan natti himti. Kun immoo baayʼee na gammachiisa.”

Deeviidi akka seera Tuurkimenistaanitti tajaajila loltummaatiif akka galmaaʼu lammata gaafatamuu akka dandaʼu beeka. Seerri kun yoo hojii irra oole, yakkamaa taʼuu fi adabni cimaan itti murtaaʼuu dandaʼa.

Deeviidi akkas jedheera: “Akkuma nama kaanii anis mana hidhaatti deebiʼuu hin barbaadu. Taʼus hin sodaadhu. Amantiin Yihowaa irratti qabu irraa, obbolootaa fi obboleettota koo irraa akkasumas faarfannaa Mootummichaa irraa jajjabina nan argadha.”

Yihowaan Deeviidiif amantii fi ija jabina kennuu akka itti fufu amanannaa qabna. Kana malees, obboloota sababa qalbii isaaniitiif amma iyyuu mana hidhaa Tuurkimenistaan jiran kudhaniif ni kadhanna. Yihowaan akka isaan jaallatu, akka isaan yaadatuu fi isaan deggeru beekna.—Faarfannaa 69:33