Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessaa Raasil Rozbaayav

BITOOTESSA 23, 2021
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Raasil Rozbaayav Inni Umuriin Isaa Waggaa Digdamii Tokko Taʼe Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Kennuu Waan Dideef Yeroo Lammaffaatiif Itti Murteeffame

Obboleessi Raasil Rozbaayav Inni Umuriin Isaa Waggaa Digdamii Tokko Taʼe Sababa Qalbii Isaatiin Tajaajila Loltummaa Kennuu Waan Dideef Yeroo Lammaffaatiif Itti Murteeffame

Murtii

Bitootessa 16, 2021⁠tti manni murtii Turkimeen murtoo obboleessa Raasil Rozbaayav irratti dabarse beeksiseera. Sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu waan dideef, hidhaan waggaa lamaa itti murteeffameera. Ejjennoo isaa kanaan kan kaʼe yakkamaa jedhamuun isaa yeroo lammataatiif.

Ibsa gabaabaa

Raasil Rozbaayav

  • Bara dhalootaa: 1999 (Haalaangi)

  • Seenaa jireenyaa: Obboleettota angafaa lamaa fi obboleessa quxisuu tokko qaba. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda rifeensa sirreessuu barachuu jalqabe. Kubbaa miillaa fi kubbaa harkaa taphachuu, akkasumas bishaan daakuu jaallata

    Warri isaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼan xinnummaa isaatti. Bara 2013⁠tti cuuphame

Himata

Obboleessi Raasil Rozbaayav sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu waan dideef jalqaba kan itti murteeffame Muddee 19, 2017 dha. Waggaa lamaaf hojii humnaa akka hojjetu itti murteeffamee ture. Lafa qonnaa tokko misoomsuudhaan qamadii akka facaasuu fi midhaan sassaabamu keessaa dhibbeentaa 20 mootummaadhaaf akka kennu itti murteeffamee ture. Lafti qonnaa sun mana isaa irraa baayʼee fagaata ture. Konkolaataa waan hin qabneef achi kan deemu miilla isaatiin ture.

Akka seera Turkimeenitti abbootiin taayitaa nama sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu dide irratti yeroo lammaffaadhaaf murteessuu ni dandaʼu. Kanaafuu, Ebla 22, 2020⁠tti tajaajila loltummaa akka hin kennine irra deebiʼee waajjira raayyaa waraanaatti gabaase. Sana booda jiʼoota hedduudhaaf irra deddeebiʼee waajjira raayyaa waraanaa deemuun, qorannaadhaaf dhihaachuu fi mana yaalaa deemee ilaalamuun isa barbaachiseera, akkasumas ariʼatama akka isa irraan geessisan isa sossodaachisu turan. Amajjii 22, 2021⁠tti immoo dhimmi isaa abbootii alangaatti ergame.

Raasil fakkeenya obbolootaa fi obboleettota rakkinni isaa wajjin wal fakkaatu isaan mudate irraa barachuudhaan ija jabina argateera. Raasil, “Fakkeenyi isaanii Yihowaatti amanamuuf na gargaareera; . . . akkasumas yeroo qorumsaatti jabina naaf argamsiiseera. Amanamaa taʼee yoon itti fufe Yihowaa fi Yesuusiin gammachiisuu nan dandaʼa” jedheera. Haalli kun amantii guutummaa maatii isaa kan qoru dha. Haati isaa wanta yeroo kanatti ishii cimse yeroo ibsitu, “Qorumsi akkasii gaʼaa kan jiru ana irra qofa akka hin taane fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu fi viidiyoowwan keenya irraa hubadheera. Obboloonnii fi obboleettonni kan biroonis qorumsi isaan irra gaʼaa jira, injifannoos argachaa jiru. Fakkeenyi isaanii jabaadhee dhaabbachuuf na gargaareera” jetteetti.

Raasil yaada Faarfannaa 37:23, 24 irratti argamu irraa jajjabina guddaa argateera. Gargaarsa Yihowaatiin innis taʼe dargaggoonni ija jabeeyyii taʼan kaan amantii, amanamummaa fi gammachuu isaanii eeggachuu ni dandaʼu.