Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Ruuslaan Artikimiyiraadov

AMAJJII 11, 2021
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Ruuslaan Artikimiyiraadov Sababa Qalbii Isaatiin Lammata Mana Hidhaa Galuu Dandaʼa

Obboleessi Ruuslaan Artikimiyiraadov Sababa Qalbii Isaatiin Lammata Mana Hidhaa Galuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Manni murtii loltootaa Turkimeen dhimmaa Obboleessa Ruuslaan Artikimiyiraadov dhiheenyatti a murtii kenna. Sababa qalbii isaatiin waggaa lama hidhamuu dandaʼa. Muddee 15, 2020 eegalee mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa jira. Tajaajila loltummaa kennuu diduu isaatiin yeroo hidhamu kun isa lammaffaadha.

Ibsa gabaabaa

Ruuslaan Artikimiyiraadov

  • Bara Dhalootaa:

  • 2000 (mandara Alpaan Geengeeshliik)

    Seenaa Jireenyaa: Baadiyaatti guddate. Suuqii konkolaataa suphu keessatti hojjeteera. Barataa gaarii yoo taʼu, kubbaa miilaa taphachuu jaallata.

    Akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti jiraachuu haadha isaa irraa barate. Jaalallii fi tokkummaan Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru waan isa dinqisiiseef, bara 2015 umurii waggaa 15⁠tti cuuphame. Jaalalli inni Yihowaaf qabu tajaajila loltummaa kennuu akka didu isa kakaaseera

Himata

Hagayya 13, 2018 Obboleessi Ruuslaan Artikimiyiraadov, yeroo sanatti waggaa 18 kan ture yoo taʼu, tajaajila loltummaa kennuu waan dideef, hidhaan waggaa tokkoo itti murtaaʼe. Waggaa tokko guutuu mana hidhaa erga turee booda Hagayya 12, 2019 gadhiifame.

Akka seera Turkimeenitti dargaggoonni sababa qalbii isaaniitiin tajaajila loltummaa kennuu yoo didan yeroo lammaffaa himatamuu dandaʼu. Kanaafuu, Sadaasa 2020, Ruuslaan loltuu akka taʼu yeroo lammataa gaafatame.

Ruuslaan lammaffaa hidhamuu akka dandaʼu utuma beekuu ammas tajaajila loltummaa kennuu dide. Muddee 15, 2020, qabamee hanga murtiitti dhihaatutti mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan galfame.

Ruuslaan Yihowaaf amanamaa taʼee itti fufuuf murteesseera. Yeroo jalqaba murtiitti dhihaate yaadachuudhaan akkas jedheera: “Ulfaataa akka taʼuu fi jalʼinni haqaa na irratti raawwatamuu akka dandaʼu kanan beeku taʼus, hin sodaannen ture. Gammachuu fi wantoota hafuuraa koo wanta akkamiitti iyyuu hin jijjiiru.”

Yeroon Ruuslaan mana hidhaatti dabarse salphaa hin turre. Haalli isaa ulfaataa kan ture yoo taʼu, yeroo hedduu ni dararama ture. Taʼus yeroo hunda Yihowaan akka isa gargaaru itti dhagaʼama ture. Ruuslaan akkas jedheera: “Yeroon mana hidhaa turetti yeroo hunda harka Yihowaa argeera. Fakkeenyaaf, yeroon rukutame hundatti dhukkubbiin waan natti hin dhagaʼamneef deggersa Yihowaa argadheera.” Dabalataanis, deggersi obboloonnii fi obboleettonni naannoo sanaa isaaf godhan, isa jabeessuu qofa utuu hin taʼin, namoota isa waliin jiraniifis dhugaa baʼiinsa guddaa kenneera.

Ruuslaan yeroo lammataa hidhamuu kan dandaʼu taʼus, amanannaa qaba. akkas jedheera: “Yihowaan akka na kiisu amantii cimaa qaba. . . . Abdii cimaan jiraannaan gammachuun dhuma hin qabne ni argama; gammachuun jiraannaan, ciminnii fi jabaatanii dhaabachuun jira. Akkasumas namni cimaan matumaa hin cabu.”

Yihowaan qorumsa akkamii iyyuu ija jabinaa fi gammachuudhaan akka dandamannu akka nu gargaaru, fakkeenyi Ruuslaanii fi dargaggoota ija jabeeyyii taʼan kaanii ragaa dabalataa nuu taʼuu isaatiif ni galateeffanna. Akkasumas Mootummaa Waaqayyoof amanamummaa cimaa qabaachuun isaanii akka isaan kiisu beekna.—Ibroota 11:6.

a Guyyaan murtii dursee kan beeksifamu yeroo hunda miti.