Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Seeliim Taagaanoov

NOVEMBER 24, 2020
TURKIMEENISTAAN

Obboleessi Taagaanoov Mana Hidhaa Turkmeensitaanitti Waggaa Tokko Hidhamee Gadhiifame

Obboleessi Taagaanoov Mana Hidhaa Turkmeensitaanitti Waggaa Tokko Hidhamee Gadhiifame

Obboleessi Seeliim Taagaanoov Onkoloolessa 3, 2020 mana hidhaatii erga gadhiifamee booda “yommuun Yihowaatti kadhannaa dhiheessu, akkan tasgabbaaʼu na gargaara ture” jedheera. Seeliim amma iyyuu umuriin isaa waggaa 19 yoo taʼu, sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa kennuu waan dideef waggaa tokko hidhameera.

Seeliim, Ashigaabaat magaalaa guddoo Turkmeensitaanitti dhalate. Ijoollee yeroo turetti barataa gaarii yoo taʼu, muuziqaa jaallata ture. Seeliim muuziqaa ni barreessa, ni faarfata akkasumas gitaara taphata ture. Warri isaa, obboloonni isaa lamaanii fi michoonni isaa Seeliim nama gaarii, tasgabbaaʼaa fi gammadaa akka taʼe dubbatu. Seeliim itti murteeffamuu isaa dura, abukaatoon isaa inni manni murtii isaaf dhaabe akkas jedheera: “Inni mucaa gaarii, haqa qabeessaa fi tamboo hin xuuxne ykn alkoolii hin dhugne siʼa taʼu, barumsa sadarkaa lammaffaa reefuu xumure. Hidhamuun isaa miidhaa irraa kan hafe wanta isa fayyadu hin qabu.”

Jireenyi mana hidhaa rakkina mataa isaa qaba. Taʼus Seeliim akkas jedheera: “Yeroon mana hidhaatti dabarsetti hariiroon Yihowaa wajjin qabu cimeera. Dhugaawwan utuun mana jiruu baradhe kanan yaadadhe siʼa taʼu, caalaatti hubachuun jalqabe. Kana malees caqasoota akka Isaayyaas 41:10, 11 jiran yaadachuun na jajjabeesseera.

“Natti murtaaʼuu isaa dura yommuun mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan turetti naman haasofsiisuu fi wanta na yaaddesse itti dubbadhu waan hin turreef ulfaataa ture. Taʼus gargaarsa argachuuf Yihowaa nan kadhadhan ture. Sana booda, hidhamtoonnii fi eegdonni jalqaba irratti na jibbanii fi na sossodaachisan na deggeruu fi na jajjabeessuu eegalan. Kun hundi Yihowaan na deggeraa akka jiru naaf mirkaneesseera.”

Seeliim obbolootaa fi obboleettota naannoo sana jiran irraas jajjabina argateera. Seeliim akkas jedheera: “Yeroon hidhamee turetti, namoonni hedduun nagaa naaf dhaamaniiru, akkasumas yaada nama jajjabeessu naaf hiraniiru. Anis yaadawwan kana sammuutti qabachuu fi irra deddeebiʼuuf nan yaalan ture. Kun na cimseera akkasumas na jajjabeesseera.”

Akka seera Turkmeensitaanitti Seeliim siʼa lammaffaadhaaf waamamuu dandaʼa. Yoo akkas taʼe, Seeliim hidhaan yeroo dheeraa itti murtaaʼuu akka dandaʼu beeka. Seeliim, “Gargaarsa Yihowaatiin qorumsa kana keessa ergan darbee booda sodaan koo badeera. Gargaarsi Yihowaa ija jabinaa fi amanannaa naaf kenneera” jedheera.

Hundi keenya fuulduratti rakkoowwan akka nu mudatan ni eegna. Seeliim akka itti aanutti nu jajjabeesseera: “Warri qorumsi wal fakkaatu fuulduratti isin mudatu, yaada Isaayyaas 30:15 jiruu fi ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jedhu yaadadhaa.”