BITOOTESSA 17, 2023
VAANUWAATUU
Vaanuwaatuu Obomboleettii Hamaa Lamaan Rukutamte
Obomboleettiin sadarkaa 4ffaa jedhamee waamamu Bitootessa 1 fi 4 gidduutti al lama Vaanuwaatuu rukuteera. Obomboleettiin jalqabaa Juudii jedhamee waamamu miidhaa salphaa geessisee ture. Achiis utuu hin turin obomboleettiin Keeviin jedhamu bakkuma sana rukute. Obomboleettiin kun odoola guddaa Efaatee dabalatee odoolawwan kibba biyyattii jiran hedduu irratti miidhaa cimaa geessiseera.
Miidhaa obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni duʼe hin jiru
Manneen 3 guutummaatti mancaʼaniiru
Manneen 30 irra miidhaa xinnoon gaʼeera
Galma Walgaʼii 2 irra miidhaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Daawwattoonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii warra miidhaman daawwachaa fi gargaarsa gochaafii jiru
Hojii gargaarsaa godhamu akka geggeessuuf Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa tokko hundeeffameera
Obboloonnii fi obboleettonni keenya Vaanuwaatuu haalli rakkisaan kan isaan mudate taʼus Yihowaan akka isaan ‘jajjabeessuu fi gammachiisu’ ni amanna.—Faarfannaa 94:19.