Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloonni fi obboleettonni Veenzuweelaa jiraatan Ayyaana Yaadannoo kabajaniiru

EBLA 21, 2021
VEENZUWEELAA

Ayyaana Yaadannoo 2021—Veenzuweelaa

Obboloonni Veenzuweelaa Jiraatan Rakkoowwan Isaan Mudatanis Ayyaana Yaadannoo Kabajuu fi Warra Kaan Ayyaanicha Irratti Affeeruu Dandaʼaniiru

Ayyaana Yaadannoo 2021—Veenzuweelaa

Obboloonni keenya Veenzuweelaa jiraatan rakkina diinagdee, jeequmsaa fi weerara dhibee Kooviid 19 dabalatee rakkoowwan hedduun isaan mudachaa jiru. Haa taʼu malee, Ayyaana Yaadannoo kabajuuf qofa utuu hin taʼin, namoonni kaanis ayyaanicha irratti akka argaman affeeruuf malawwan isaan gargaaran garaa garaa argataniiru.

Fakkeenyaaf, Ayyaanni Yaadannoo gaʼuu isaa torban lama dura magaalaa Laa Viiktooriyaa, Naannoo Appuurii daangaa Kolombiyaatti dhihoo jirtutti lolli kaʼee ture. Babalʼistoonni gumii naannichaa hundi gara Kolombiyaatti baqachuuf dirqamanii turan. Kolombiyaatti obboloonnii fi obboleettonni Gumii Araawuqitaa, obboloonni Veenzuweelaadhaa dhufan Ayyaana Yaadannoo viidiyoo konfiransiidhaan akka hordofan haala mijeessuu dandaʼaniiru.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko raadiyoo harkatti qabatamutti fayyadamanii haasaa Ayyaana Yaadannoo dhaggeeffachaa jiru

Gumiin Naannoo Faalkan keessa jiru tokko kan argamu bakka tajaajila bilbilaas taʼe intarneetii argachuun rakkisaa itti taʼetti dha. Kanaafuu, gumiin babalʼistoota 70 qabu haasaa Ayyaana Yaadannoo dhaggeeffachuuf raadiyoo harkaan qabatamutti fayyadameera.

Obboleettiin takka, “Wal hammachuu ykn ijaan wal arguu baannus, sagalee obboloota keenyaa dhagaʼuu dandeenyeerra. Akka waan hundi keenya iyyuu wal faana jirruutti nutti dhagaʼameera” jetteetti.

Guyyoota Ayyaana Yaadannoo dura turanitti gumiiwwan namoonni biyyattii naannoo fagootti argaman saganticha akka hordofan affeeruuf carraaqqii adda taʼe godhaniiru. Namoonni haasaa Ayyaana Yaadannoo dhaggeeffachuu akka dandaʼaniif malawwan garaa garaatti fayyadamaniiru. Namoota 3,000 ol affeeraniiru. Carraaqqiin isaanii milkaaʼina argateera. Fakkeenyaaf magaalaa Araayaa ishii qarqara galaanaatti argamtutti namoonni dhibbaa ol taʼan haasaa Ayyaana Yaadannoo bilbilaan dhaggeeffataniiru.

Obboleessi tokko haasaa raadiyoodhaan dhihaatu dhaggeeffachaa jira

Waajjirri damee Veenzuweelaas sagantaa Ayyaana Yaadannoo buufatawwan raadiyoo 82 fi tamsaasa televizyinii sagaliin dabarsuuf qophii godhee ture. Yoo xinnaate obboloonnii fi namoonni affeeraman 8,000 Ayyaana Yaadannoo karaa kanaan kabajaniiru. Sagantichi afaanota biyyattii kanneen akka Guwaahibboo, Peeman, Piyaarowaa, Puumee, Waaraawoo, Waayuunaayikii fi Yekuwaanaa jiraniin tamsaafameera.

Guwaasippaatii, Naannoo Boliivaaritti haasaan Ayyaana Yaadannoo buufata raadiyoo naannichaatiin galgala saʼaatii 12:30 kaasee al tokko akka tamsaafamu sagantaan qabamee ture. Kan nama gaddisiisu, naannicha keessa yeroo baayʼee ibsaan ni bada. Kana jechuun, namoonni tokko tokko haasaa Ayyaana Yaadannoo guutuu isaa dhagaʼuu hin dandaʼan jechuu dha. Haa taʼu malee, buufata raadiyoo sanatti rakkinni teeknikaa waan qunnameef, haasichi halkan guutuu al kudhanii ol irra deddeebiʼee tamsaafamuu isaa itti fufe. Kanaan kan kaʼes, dhaggeeffattoonni saʼaatii garaa garaatti haasaa Ayyaana Yaadannoo guutuu isaa dhagaʼuu dandaʼaniiru. Gabaasawwan akka argisiisanitti namoonni 600 taʼan saganticha hordofaniiru. Obboleessi tokko, “Yihowaan eenyu iyyuu haasaan adda taʼe kun akka isa darbu hin barbaanne!” jedheera.

Obboloonni keenya ‘qorumsa garaa garaatiin dhiphachaa’ kan jiran taʼus, Yihowaan carraaqqii Ayyaana Yaadannoo irratti argamuu fi namoota affeeruuf godhan akka isaaniif eebbise arguu isaaniitti “gammachuu guddaa argachaa” jiru.—1 Pheexiros 1:6, 7.