MUDDEE 7, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS
Dhibee Daddarbaan Jiraatus Ijoolleen Tajaajila Isaanii Baliʼfachaa Jiru
Maayik Ewuuchekuun intalli isaa Meeloodiin barumsa intarneetii erga hordoftee booda boqonnaa laaqanaaf kortoo irra fiigaa yommuu gad buutu dhagaʼe. Achiis intalli isaa umurii waggaa jaʼaa kun saanduchii nyaataa ykn ashaangulliitii taphataa akka jirtu yaaduudhaan maaliif akka ariifatte beekuu barbaade. Taʼus wanti inni arge isa dinqisiise akkasumas isa gammachiise.
Maayik akkas jedheera: “Kompiitara ishii irratti kitaaba Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu jedhu kan banatte siʼa taʼu, ijoolleen daree ishii sadii ishii dhaggeeffachaa turan.” Maayik itti fufuudhaan, “Meeloodiin, ‘Daadi, qoʼannaa geggeessaan jira!’” naan jette jedheera.
Meeloodiin manni barumsaa ishii Hiyuustan Teeksaas jiru sababa dhibee daddarbaa vaayirasii koronaatiin intarneetiidhaan Fulbaana 2020 barumsa erga jalqabee kaasee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf murteessitee turte. Kanaafuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan carraa barbaaduu eegalte.
Maayikii fi haati ishii Oktaaviyaan intala isaaniitti baayʼee boonan. Maayik itti fufe akkas jedheera: “Meeloodiin waaʼee Yihowaa yeroo hunda ijoollee daree ishiitti himti. Taʼus kophaa ishii qoʼannaa yommuu geggeessitu arguun miira koo fi miira haadha ishii baayʼee tuqeera.”
Meeloodiin ijoollee daree ishii waliin dhaabbataadhaan qoʼachuu itti fufteetti. Akkas jetteetti: “Hamma ammaatti waaʼee Jannataa fi waaʼee Yesuus isaan barsiiseera. Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼanan barbaada.”
Saamuʼel Moolnaar inni umuriin isaa waggaa sagal taʼee fi Ingleesiidi Iilliinoyis jiraatus waaʼee amantii isaa warra kaanitti hima.
Saamuʼel muuxannoo obboleessa ollaa isaatiif dallaa irraan dhugaa baʼe tokkoo erga dhagaʼee booda, innis akkas gochuuf murteesse. Mucaan ilmi ilma ollaa isaa tokko mooraa mana isaanii boroo jiru keessatti utuu taphatuu argee, waaʼee Jannataa isatti himuu akka barbaadu isa gaafate. Mucichi tole kan jedhe yoo taʼu, Saamuʼel Kitaaba, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhu fudhachuuf fiigee ol seene.
Saamuʼel akkas jedheera: “Fuulduratti miidhaan utuu isa irra hin gaʼin, bineeldotaa wajjin taphachuu akka dandaʼun isatti hime. Achiis Daaniʼel boollaa leencotaa keessa akka ture seenaa ibsun isaaf dubbise.”
Saamuʼel kanumaan hin dhiisne. Xalayaa waaʼee viidiyoowwanii fi wantoota kan biroo jw.org irratti argaman ibsu ergeefi. Ijoolleen kun lamaan yeroo itti aanu yommuu wal argan seenaa Kitaaba Qulqulluu kan biraa dubbisuuf walii galan.
Saamuʼel muuxannoo kanatti kan gammade yoo taʼu, galma isaa irra gaʼuuf hojjechaa jira. “Namoota ittiin barsiisuu akkan dandaʼuuf, Tiraaktota Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiran hunda beekuun barbaade” jedheera.
Obboleettonni durbaa Hiyuustan jiraatan sadii dhiheenya kana yeroo boqonnaa gannaatti galma qajeelchaa gargaaraa taʼuuf baafatan irra gaʼaniiru.
Jooseeliin Hoortee, waggaa 13; Meelaanii Aalvaareez, waggaa 12; fi Klooʼee Roodreegees, waggaa 10 jiʼa Hagayyaatti galma karaa viidiyookonfaransiitiin xalayaa barreessuuf baafatan irra gaʼaniiru. Isaan ganama saʼaatii 1tti kan jalqaban yoo taʼu, torbanitti al shan wal argu.
Jooseeliin, “Waliin haasofna akkasumas waliin nyaanna, achiis ganama saʼaatii 1:30tti xalayaa barreessuu jalqabna.” Darbee darbee isaan keessaa tokko yommuu barfatu warri lamaan ergaa gabaabaa “akkam bulte! Saʼaatiin itti lallabnu waan gaʼeef maaloo kaʼi!” jedhu erguufi.
Carraaqqiin shamarran kanaa walii isaanii qofa utuu hin taʼin, michootaa fi miseensota maatii isaanii jajjabeesseera. Haati Jooseeliin, Aliisaan akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko lallabuuf humna gaʼaa akkan qabu natti hin dhagaʼamu. Taʼus Jooseeliin teessee yommuun ishii argu, ‘Anis tajaajila irratti hirmaachuun barbaada’ ofiin jedha.”
Yihowaan dargaggoota amanamoo yeroo dhibee daddarbaa kanatti tajaajiluuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhan yommuu argu garaan isaa ni gammada.—Fakkeenya 27:11.