EBLA 22, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS
“Galma Walgaʼii” Jalqabaa Waggaa 85 Booda Deebiʼee Tajaajila Yihowaatiif Murteeffame
Galmi Walgaʼii 1228 Pensaakoolaa Istriit, Hoonooluluu, Hawaayiitti argamu yeroo ijaarsi isaa jalqabetti Joseef F. Raazarfordi inni yeroo sanatti pireezidaantii Waldaa Masaraa Eegumsaa taʼee tajaajilaa ture argamee ture. Barri isaa 1935 ture. Gamoon xinnoon kun baayʼee adda ture; sababiin isaas yeroo jalqabaatiif addunyaa irratti “Galma Walgaʼii” jedhamee kan moggaafame isa ture. Waggoottan 80 itti aananiif namoonni baayʼeen Galma Walgaʼii kana keessatti Yihowaa waaqeffachuu jalqabaniiru. Yeroo harʼaatti, waggoota 85 booda, Galmi Walgaʼii Pensaakoolaa Istriit Afaan Hawaayi Piijin dabalatee gumiiwwan afur afaan shaniin itti fayyadamaa jiru. a
Golfaa COVID-19 dura obboloonni keenya galmi seena qabeessa taʼe kun haareffamee erga xumuramee booda, Guraandhala 11 hanga 15, 2020tti dhufanii akka daawwataniif hawaasa naannoo isaanii jiru, abbootii taayitaa mootummaa fi barsiistota afeeraa turaniiru. Keessummoonni namni isaan daawwachiisu qopheeffamee gamoo sana daawwataniiru, fakkiiwwan seenaa gamoo sanaa ibsan ilaalaniiru, akkasumas haasaa obboloonni hojii Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee dhiheessan dhaggeeffataniiru. Qophiin kun Guraandhala 16, haasaa obboleessi keenya Deevid Ispileen inni miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼe galmichi tajaajila Yihowaatiif murteeffamuu isaa argisiisu dhiheesseen xumurame.
Obboleettiin sagantaa kana qopheessuu irratti gargaarsa goote takka akkana jetteetti: “Hawaasicha kan waamne isaaniif lallabuuf taʼuu baatu iyyuu, namoota qophiin kun utuu godhamuu baatee silaa Dhugaa Baatota Yihowaa beekuu hin dandeenye hedduudhaaf dhugaa baʼiinsa guddaa akka kennine nutti dhagaʼama.”
Qophiin kun obboloonnii fi obboleettonni dhaala hafuuraa Odolawwan Hawaayi qabaniif dinqisiifannaa guddaa akka qabaatanii fi raajiin “Odolawwan galaanichaa keessatti maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ulfina ni kennu” jedhuu yommuu raawwatamu ijuma isaaniitiin arguuf isaan gargaareera.—Isaayaas 24:15, NW.
a Yeroo golfaa COVID-19 kanatti, walgaʼiiwwan gumii guutummaa Yunaayitid Isteetisii keessatti argaman hundi yeroodhaaf Galma Walgaʼiitti gochuu mannaa viidiyookonfiransiitiin geggeeffamaa jiru.