AMAJJII 21, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS
Haalli Qilleensaa Cimaanii fi Obomboleettiin, Kibbaa fi Giddu Galeessa Dhiha Yunaayitid Isteetis Barbadeesse
Amajjii 11 fi 12, 2020 haalli qilleensaa cimaan kutaawwan kibbaa fi giddu galeessa dhihaa Yunaayitid Isteetis irratti miidhaa geessiseera. Bokkaa cimaan, qilleensi hamaa cimaanii fi obomboleettii hedduun bulchiinsota Yunaayitid Isteetis hedduu irratti badiisa guddaa geessisaniiru. Kan nama gaddisiisu, obboleessi keenya Alberti Baarnat inni umuriin isaa 85 fi obboleettiin teenya Susaan Baarnat ishiin umuriin ishii 75 taʼe yommuu obomboleettiin mana isaanii rukutetti lubbuu isaanii dhabaniiru.
Waajjirri damee Yunaayitid Isteetis yoo xinnaate manneen obboloota afurii fi Galmawwan Walgaʼii lama hamma tokko miidhamuu isaanii gabaaseera. Kana malees, obomboleettiin sun bakka daldalaa obboleessa tokkoo irrattis miidhaa guddaa geessiseera.
Jaarsoliin gumii fi ilaaltuun ol aanaa aanaa warra balaa kanaan miidhamaniif karaa fooniis taʼe karaa hafuuraa gargaarsa gochaa jiru. Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya warra balaa kanaan gadda irra buʼaniif jajjabina kennaa akka jiru beekna.—Faarfannaa 34:18.