Dhimma ijoo ta'etti seeni

Hojiin ijaarsaa wiirtuu daawwanna Paatarsan Beetel yommuu hojjetamu

GURAANDHALA 10, 2022
YUNAAYITID ISTEETIS

Haaromsii fi Ijaarsi Haaraan Paatarsan Beetel, Niiwu Yoorkitti Hojjetamu Itti Fufeera

Haaromsii fi Ijaarsi Haaraan Paatarsan Beetel, Niiwu Yoorkitti Hojjetamu Itti Fufeera

Ijaarsi gamoo daawwannaa abbaa darbii lamaa, lafa iskuweer meetirii 2,787 irratti, Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Dhugaa Baatota Yihowaa Paatarsan, Niiwu Yoork, Yuunaayitid Isteetisitti hojjetamaa jiru walakkeessa bara 2023​tti ni xumurama jedhamee eegama. Muuziyeemiin kun kutaa agarsiisa suuraa dhaabbataa sadii fi kutaa argisiisa suuraa yeroo yerootti jijjiiramu tokko kan qabaatu yeroo taʼu, guyyaatti daawwattoota 1,200 keessummeessuu dandaʼa. Kana malees, gamoowwan hedduun haareffamaa jiru, akkasumas wantoonni akka sarara elektirikii fi ujummoo bishaanii dullooman jijjiiramaa jiru. Hojiin haaressuu fi ijaarsa haaraa kun, gara harka 40 xumurameera.

Obboloonni piroojektii kana qindeessan sababa KOOVIID-19n rakkoowwan hedduun isaan mudatanii turan. Hanqina dhiheessii meeshaa ijaarsaa addunyaa irratti mudateen kan kaʼe hojiin kun dhaabachuu jala gaʼee ture. Fakkeenyaaf, sadarkaa ijaarsaa baayʼee murteessaa taʼe irratti konkiriitii hojjechuuf hanqinni simintoo nu mudatee ture; taʼus obboloonni konkiriitii darbiiwwan sana yeroo isaaf qabametti hojjechuuf barbaachisu argachuu dandaʼaniiru. Akkasumas, gatiin sibiilaa baayʼee kan dabale taʼus, obboloonni walii galtee bittaa dursanii godhaniin irratti hundaaʼuudhaan gatii madaalawaa taʼeen sibiila barbaachisu bituu dandaʼaniiru.

Yeroo Beetel cufaa turetti, hojjettoonni fedhaa pilaanii fi diizaayinii irratti hojjetan yeroodhaan xumuruuf manuma isaanii taaʼanii hojjechaa turan. Dhorkaa sababa weerara dhibeetiin kaaʼameen kan kaʼe yeroo murtaaʼeef abbootii taayitaa magaalaa naannoo sanaa wajjin wal qunnamuun waan hin dandaʼamneef, piroojektichi hamma tokko lafarra harkifatee ture. Haa taʼu malee, koreen ijaarsaa kun dippaartimantoota Beetelii fi hojjettoota mootummaa naannoo sanaa wajjin walitti dhihaatee hojjechuudhaan karaa hojjettoota fedhaa fi viidiyookonfiransii heyyama barbaachisu yeroodhaan argachuu dandaʼeera.

Qajeelfamni weerara dhibee ittisuuf baʼe waan jijjiirameef yeroodhaaf hojjetoota fedhaa bakka hojichaatti fiduun rakkisaa taʼee ture. Haa taʼu malee, jalqaba Fulbaana 2020​tti hojjettoota fedhaa haaraa yeroo guutuu hojjetan bakka hojichaatti fidanii achuma jiraatanii akka hojjetan gochuun ni heyyamame.

Obboleettiin Jenefar Pool piroojektii kana irratti akka hojjetu kan affeeramte yeroo weerara dhibee kanaatti ture. Hojii ijaarsaa kana ilaalchisee akkana jetteetti: “Hojii ulfaataa hojjechuu nan jaalladha. Garuu kanan jaalladhu hojicha qofa utuu hin taʼin namoota dha. Sochii jaarmiyichaa fi qajeelfama Yihowaan kennu arguu dandaʼeera.”

Yeroo ammaa, namoota bakka hojichaatti hojjetan 350 dabalatee hojjetoonni fedhaa 440n piroojektii wiirtuu daawwannaa Paatarsanii fi hojii haaressuu hojjechaa jiru. Obboloonnii fi obboleettonni keenya piroojektiin kun akka milkaaʼuuf Yihowaan wanta barbaachisu yommuu godhu arguu isaanii itti fufaniiru.—1 Seenaa Baraa 29:16.

 

Obboloonni lama wiirtuu daawwannaatiif boʼoo dhangalaʼaa qotaa jiru

Obboleettiin tokko gamoo haareffamu keessaa meeshaa qilleensa hoʼisuu fi qabbaneessuu jijjiiraa jirti

Obboleessi tokko kireeniidhaan utubaa sibiilaa ol kaasuuf qopheessaa jira

Wiirtuun daawwannaa wiirtuu barumsaa duuba jiru asii gad yommuu ilaalamu

Hojjetaan ijaarsaa fedhaa tokko darbii lammaffaa wiirtuu daawwannaa irraa sibiila muraa jira

Kireeniin tokko meeshaa HVAC jedhamu baaxii gamoo biiroo irra baasaa jira

Hojjettoota fedhaa seeqaa jiran

Hojjettoonni hojii ijaarsaa fedhaa, galgala darbii lammaffaa wiirtuu daawwattootaa ijaaraa jiru