HAGAYYA 16, 2021
YUNAAYITID ISTEETIS
Ibiddi Bosonaa Kaʼe Kaalifoorniyaa Irratti Miidhaa Guddaa Dhaqqabsiisaa Jira
Bakka adda addaatti ibiddi bosonaa kaʼe Kaalifoorniyaa Yuunaayitid Isteetis irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jira. Yeroo ammaatti Ibiddi Diiksii inni guddaan balʼina hektaara 187,562 ol taʼeen babalʼachaa jira. Ibiddi kun balʼina isaatiin seenaa Kaalifoorniyaa keessatti isa lammaffaa dha.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe
babalʼistoonni 415 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru ykn gadhiisanii baʼaniiru
manneen 17 jijjiganiiru
manneen 2 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Gargaarsa Taasifame
Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa naannoo balaan kun gaʼe jiran jaarsolii gumii wajjin taʼuudhaan obboloota sababii ibidda kanaan miidhaan isaan irra gaʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii isaan jajjabeessaa jiru. Kana malees obboloota qeʼee isaanii irraa buqqaʼanii fi gadhiisanii baʼan bakka buufatan akka argatan gargaaraa jiru
Hojiin gargaarsaa kun hundi kan kenname qajeelfama KOOVIID 19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani
Sabni Yihowaa yeroo rakkinni isaan irra gaʼu illee michuu dhugaa obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaaruuf qophaaʼan taʼuu isaanii ni argisiisu.—Fakkeenya 17:17.