Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 17, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Lixa Yunaayitid Isteetisitti Balaan Ibiddaa Itti Fufeera

Lixa Yunaayitid Isteetisitti Balaan Ibiddaa Itti Fufeera

Iddoo

Kaalifoorniyaa, Oreegaanii fi Waashingitan

Balaa

  • Ibiddi bosonaa saffisaan babalʼachaa jiru Kaalifoorniyaatii hanga Waashingitanitti lafa hektaara miliyoona lamaa ol gubeera

  • Ibiddichi qilleensa faaluudhaan fayyaa irratti miidhaa akka geessisu gochaa jira

  • Seenaa Kaalifoorniyaa keessatti ibidda kana keessaa inni tokko isa hunda irra caalu dha

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Babalʼistoonni 4,546 mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Manneen 61 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 16 irra miidhaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa qajeelfama COVID-19 utuma hordofanii, obbolootaa fi obboleettota naannoo sana gadhiisanii deemuu qaban gargaaruuf ilaaltota ol aanaa aanaa fi jaarsolii gumii wajjin waltaʼee hojjechaa jira

Babalʼistoonni miidhaan irra gaʼe, gargaarsa Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa isaaniif godhuuf galateeffataniiru. Obboleettiin manni ishii jalaa barbadaaʼe tokko, obboloonni keenya “nuti wanta nu barbaachisu utuu hin hubatin iyyuu, wanta nu barbaachisu kam iyyuu dhiheessuuf fedhii qabu turan” jetteetti.

Obbolootaa fi obboleettota keenya naannoo balaan gaʼe jiran irra amma iyyuu rakkinni gaʼaa kan jiru taʼus, jaalala guddaa fi gara laafina Yihowaa argachuu isaanii itti fufaniiru.—Yaaqoob 5:11.