Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 27, 2021
YUNAAYITID ISTEETIS

Lolaan Akka Tasaa Uumame Hiilaa Beendi, Ariizoonaa Irra Miidhaa Guddaa Geessise

Lolaan Akka Tasaa Uumame Hiilaa Beendi, Ariizoonaa Irra Miidhaa Guddaa Geessise

Galgala Hagayya 13, 2021, obomboleettiin bubbee qabu bokkaa cimaan akka roobu waan godheef naannoowwan Arizoonaa fi dhiha Teeksaas lolaadhaan akka guutaman taasiseera. Lolaa cimaan kun keessumaa magaalaa Hiilaa Beendi, Ariizoonaa irra miidhaa guddaa geessiseera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu, obboleettiin tokko balaa kanaan duuteetti

  • Manneen obbolootaa 5 irra miidhaan gaʼeera

  • Maatiiwwan sadii qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

Hojii Gargaarsaa

  • Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa fi jaarsoliin gumii obboloota miidhaan irra gaʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa jiru. Obboloota qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniifis bakka buufatan mijeessaa jiru

  • Hojiin gargaarsaa kun hundi kan hojjetame qajeelfama KOOVIID 19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani

Obboloota keenya balaa kanaan miidhamaniif ni kadhanna. Yihowaan maatii obboleettii jaallatamtuu duʼaan boqotte sanaa jajjabeessuu isaa akka itti fufu hawwii keenya dha.—2 Qorontos 1:3, 4.