Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa gara mirgaatti: Obboleettii keenya Meerii Laariimar miseensota kutaa jalqabaa Mana Barumsaa Giiliyaad kaanii wajjin; obboleettiin keenya Meeriin Waxabajjii 23, 1943 dippiloomaa isaanii qabatanii; obboleettiin keenya Meerii bara 2017​tti

AMAJJII 23, 2024
YUNAAYITID ISTEETIS

Obboloota Mana Barumsaa Giiliyaad Kutaa Jalqabaarraa Eebbifaman Keessaa Barattuun Xumuraa Umurii Waggaa 103tti Duʼaan Boqotan

Obboloota Mana Barumsaa Giiliyaad Kutaa Jalqabaarraa Eebbifaman Keessaa Barattuun Xumuraa Umurii Waggaa 103tti Duʼaan Boqotan

Sadaasa 23, 2023, obboleettiin keenya Meerii Laariimar, warri kutaa jalqabaa Mana Barumsaa Koollejjii Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad irraa eebbifaman duʼaan boqotan. a Obboleettiin keenya Meeriin Waxabajjii 4, 1920​tti, Siinarii Hiil, Pensilvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetis keessatti dhalatan. Bara 1935, umurii waggaa 15​tti walgaʼii naannoo Waashingitan Dii.Sii. Yuunaayitid Isteetisitti godhame irratti cuuphaman. Obboleettiin keenya Meeriin waggaa afur booda qajeelchaa yeroo hundaa taʼan; utuma baayʼee hin turinis tajaajila irratti hinaaffaa kan qaban taʼuudhaan beekamuu dandaʼaniiru.

Muddee 1942, obboleettiin keenya Meeriin obboleessa keenya Naataan Noor isa yeroo sanatti hojii jaarmiyichaa olaantummaadhaan geggeessaa turerraa, mana barumsaa haaraa isa Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Koollejjii Giiliyaad jedhamu galuuf foormii akka guutan isaan affeere. Foormiichi gartokkoon isaa, “kaayyoon koollejjii kanaa dhiirotaa fi dubartoota hojii misiyoonummaa guutummaa addunyaa maratti hojjetanii fi gaʼumsa qaban qopheessuudha” jedha. Itti dabalees akkana jedha: “Barumsi koollejjii kun jiʼa shaniif tura . . . Yeroo gabaabaa keessatti barumsa kana xumuruun, carraaqqii cimaa gochuu fi dhimmanii qoʼachuu gaafata.” Obboleettii keenya Meeriin foormicha yeruma sana guutanii deebisan.

Guraandhala 1, 1943, obboleettii keenya Meerii fi namoonni 99 mana barumsaa haaraa Laansingi, Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti argamutti guyyaa jalqabaa eegalan. Barumsa gara jiʼa shaniitiif kennamu kana irratti, obboleettiin keenya Meeriin waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti barachuuf dhimmanii qoʼachaa turan. Barumsicha irratti baayʼee cimoo turan, achiis Waxabajjii 23, 1943​tti eebbifaman.

Obboleettii keenya Meerii fi barattoota kan biraa fooqii balbala Mana Barumsaa Giiliyaad isa Kibba Laansingi, Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetis irratti argamu irraa harka isaanii yommuu raasan.

Obboleettiin keenya Meeriin erga eebbifamanii booda, Kuubaatti misiyoonii taʼanii ramadaman. Haala rakkisaa ramaddii isaanii isa haaraa kanatti isaan mudate tokko tokko yommuu dubbatan akkana jedhaniiru: “Bakka kanatti namoonni harka qalleeyyii turan. Tajaajila irratti miillaan deemna turre . . . Konkolaataa tokko illee hin qabnu turre.” Obboleettiin keenya Meeriin hamma bara 1948​tti haadha isaanii irra miidhaa cimaan gaʼee kunuunsuuf deebiʼanitti bakkuma ramaddii isaanii sana turaniiru. Waggoottan sana booda turanitti qeenxee taʼanii kan itti fufan yommuu taʼu, tajaajilaa fi sochiiwwan tiʼookraasii kaan irratti guutummaatti hirmaataniiru. Yeroo duʼaan boqotanitti gumii Gileendeel, Kaalifoorniyaa, Yuunaayitid Isteetis keessa tajaajilaa turan.

Obboleettii keenya Meeriin Kuubaatti bifa tajaajila misiyoonummaa adda addaarratti yommuu hirmaattu

Obboleettii keenya Meerii (bitaa) obboleettii isaanii, Heelan Feeraarii fi abbaa manaa Heelan Salviinoo. Heelanii fi Salviinoon mana barumsaa Giiliyaad kutaa lammaffaa kan baratan taʼuu isaa irrayyuu Kuubaatti tajaajilaniiru

Yeroo ammaatti Manni Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad inni Paatarsan Niiwu Yoorki jiru kutaa 155​ffaa isaa geggeessaa jira. Obboleessi keenya Maarki Numeer inni barsiisaa Mana Barumsaa Giiliyaad taʼe obboleettiin keenya Meeriin duʼuu isaanii yommuu dhagaʼu akkana jedhe: “Obboleettiin keenya Meerii Laariimar shamarree magaalaa xinnoo keessatti guddattee fi waaʼee Yihowaa namoota barsiisuuf bakka hin beekne kamiyyuu deemuuf qophoofte turte. Bakka itti ergamtus taʼe akka deebitu hin beektu turte. Misiyoononni Giiliyaad kan akka obboleettii keenya Meerii jiran, guddina hojii lallabaa addunyaa maraatiif buʼuura kaaʼuu irratti gumaacha guddaa godhaniiru.”—Isaayyaas 6:8.

a Bara 1946, maqaan Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Koollejjii Giiliyaad jedhu Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad jedhutti jijjiirameera.