Dhimma ijoo ta'etti seeni

ONKOLOOLESSA 19, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Obomboleettiin Deltaa Jedhamu Luyisiyaanaa Rukute

Obomboleettiin Deltaa Jedhamu Luyisiyaanaa Rukute

Iddoo

Luyisiyaanaa kibba dhiha Teeksaas

Balaa

  • Onkoloolessa 9, 2020 obomboleettii Garee 2⁠ffaan kibba dhihaa Luyisiyaanaa rukutuudhaan sigigaachuu lafaa geessisuudhaan iddoowwan dhiheenya Obomboleettii Laawuraatiin rukutaman irra balaa dabalataa geessise

  • Obomboleettiin kun bokkaa cimaa fi qilleensa cimaa fiduudhaan lolaa guddaan akka uumamuu fi ibsaan akka badu godheera

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Babalʼistoonni 1,583 mana isaanii dhiisanii deemaniiru ykn bakka sanaa baafamaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Manneen 216 fi Galma Walgaʼii 16 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 7 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 3 guutummaatti mancaʼaniiru

Hojii gargaarsaa

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii obboloonnii fi obboleettonni nyaata, bishaan, iddoo keessa buufatanii fi wantoota barbaachisoo kan biroo akka argatan gargaaraa jiru. Hojiin gargaarsaa kun Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa sababa Obomboleettii Laawuraatiin duraan dhaabbateen deggeramaa jira. Obboloonni keenya COVID-19 irraa of eeguuf qajeelfamoota baʼan dammaqinaan eeguu isaanii itti fufaniiru

Dabalataanis jaarsoliin carraaqqii tika gochuuf taasisan cimsanii itti fufaniiru. Jaarsi tokko wanta hubate kana dubbateera: “Jabinni Yihowaan obbolootaa fi obboleettota kanaaf kennaa jiru baayʼee nama dinqisiisa. Kun gaaffii tokko malee, ‘Humna humna caalu dha.’”—2 Qorontos 4:7.

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya obomboleettii dhiheenya gaʼe kanaan miidhamaniif ‘bakka itti baqatanii fi eegumsa itti argatan’ taʼuu isaa waan itti fufeef isa galateeffanna.—Isaayyaas 4:6.