HAGAYYA 20, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS
Obomboleettiin Dereekoo Jedhamu Giddugala Lixa Yunaayitd Isteetisitti Miidhaa Geessise
Iddoo
Giddugala Lixa Yunaayitd Isteetis
Miidhaa
Hagayya 10, 2020, obomboleettiin dereekoo jedhamu bokkaa cimaan kakawwee qabuu fi qilleensi cimaan kutaawwan biyyattii irra akka gaʼu taasiseera
Qilleensichi midhaanii fi gamoowwan miidheera, akkasumas ibsaan akka dhaamu godheera
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Babalʼistoota 2 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Babalʼistoonni 18 mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 216 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 5 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 24 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii gargaarsaa
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa ilaaltota ol aanaa aanaa fi jaarsolii gumii naannichaa wajjin taʼuudhaan obbolootaa fi obboleettota bakka balaan gaʼe jiraniif wanta barbaachisu gochaa jiru
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya bakka obomboleettiin miidhe jiraatan gargaaruu isaa kan itti fufu siʼa taʼu, nutis yeroo namni kam iyyuu balaa uumamaatiin mana koo nan dhaba jedhee hin sodaanne hawwiidhaan eegganna.—Isaayaas 65:21.