Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 6, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Obomboleettiin Haannaa Jedhamu Kibba Baha Teeksaasitti Miidhaa Geessise

Obomboleettiin Haannaa Jedhamu Kibba Baha Teeksaasitti Miidhaa Geessise

Iddoo

Teeksaas Yunaayitid Isteetis

Balaa

  • Obomboleettiin Haannaa inni garee tokkoffaa taʼe Waxabajjii 25, 2020 qarqara galaanaa Teeksaas kan gaʼe siʼa taʼu, lolaa akka uumamuu fi galaanni qarqaratti akka baʼu taasiseera

  • Haannaan obomboleettii Atilaantikii waggaa kanaa keessaa isa jalqabaa ti

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Obboloonni keenya lama miidhaa xinnoon irra gaʼeera

  • Babalʼistoonni 193 yeroodhaaf iddoo isaanii irraa buqqaʼaniiru

Miidhaa manneen irra gaʼe

  • Manneen obbolootaa 347 irra miidhaa xinnoon gaʼeera

  • Manneen 31 irra miidhaa guddaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa naannoo miidhaan gaʼe keessa jiran jaarsolii gumii wajjin taʼuudhaan gargaarsa hafuuraa fi gargaarsa barbaachisaa kan biroo godhaniiru

Yihowaan inni “Waaqa jajjabina hundaa” taʼe obbolootaa fi obboleettota yeroo rakkisaa kanatti Teeksaas jiraniif kunuunsa gochaa waan jiruuf isa galateeffanna.—2 Qorontos 1:3, 4