Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 14, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Obomboleettiin Isaayyaas Jedhamu Baha Yunaayitid Isteetis Rukute

Obomboleettiin Isaayyaas Jedhamu Baha Yunaayitid Isteetis Rukute

Iddoo

Baha Yunaayitid Isteetis

Balaa

  • Obomboleettiin Isaayyaas inni garee tokkoffaa taʼe Hagayya 3, 2020⁠tti Kaaba Kaaroolinaa rukuteera

  • Obomboleettiin kun gara qarqara galaanaa Bahaatti bubbisuu isaatiin kan kaʼe, obomboleettiiwwan hedduun akka kaʼan taasiseera; kunis balaan akka uumamuu fi ibsaan akka dhaamu godheera

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Obboleettii tokko irra miidhaan qaamaa gaʼeera

  • Maatiiwwan 12 yeroodhaaf naannoo jireenyaa isaanii dhiisanii deemaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Manneen obbolootaa 55 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen shan irra immoo miidhaa ciimaan gaʼeera

  • Konkolaataawwan hedduun miidhamaniiru

  • Galmawwan Walgaʼii shan irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Ilaaltonni ol aanoo aanaa fi jaarsoliin gumii naannoo miidhaan gaʼe jiraatan qajeelfama COVID-19 hojii irra oolchaa, obbolootaa fi obboleettota gargaaruuf yeruma sana sochii jalqabaniiru

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya obomboleettii cimaadhaan miidhaman gargaaruu isaa waan itti fufuuf ni gammanna. Yeroo namni hundumtuu balaan uumamaa, “na irra gaʼa” jedhee itti hin sodaanne hawwii guddaadhaan eegganna.—Fakkeenya 1:33.