FULBAANA 7, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS
Obomboleettiin Looraa Jedhamu Luyisiyaanaa Rukute
Iddoo
Arkaansaas, Miisiisiippii, Dhiha Luyisiyaanaa, Baha Teeksaas
Balaa
Obomboleettiin Looraa jedhamuu fi garee 4ffaatti ramadamu Hagayya 27, 2020, Dhiha Luyisiyaanaa kan rukute siʼa taʼu, qabeenya irra miidhaa guddaan akka gaʼuu fi ibsaan akka dhaamu godheera
Miidhaa Obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Obboleettiin maanguddoon tokko bakka yaaliin fayyaa ishiidhaaf godhamu irraa bakka kan biraa utuu deemuuf jettuu duʼuu ishiitti baayʼee gaddina
Obboleettii kan biraa tokko irra miidhaa salphaan gaʼeera
Babalʼistoonni 3,992 yeroo muraasaaf mana isaanii gadhiisanii deemuuf dirqamaniiru
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen Obboloota keenyaa 10 guutummaatti badeera
Manneen 95 fi Galmawwan Walgaʼii 4 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 192 fi Galmawwan Walgaʼii 16 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii gargaarsaa
Waajjirri damee Yuunaayitid Isteetisii Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa hundeesseera
Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii naannichaa babalʼistoonni mana isaanii gadhiisan iddoo mijataa buufachuu dandaʼan akka argatan gargaaruu isaani itti fufaniiru
Muuxannoowwan
Obboloonni naannichaa qajeelfama COVID-19 utuma hordofanii obboloota isaanii mana isaanii gadhiisanii dhufan simataniiru. Obboleessi mana isaa gadhiise tokko akkas jedheera: “Wantoota nuuf godhame hundumaa akka eebba Yihowaati ilaalla!”
Obboloonni fi obboleettonni keenya naannoowwan obomboleettiin miidhaa geessise jiraatan qajeelfama isaaniif kenname ajajamuu fi yeroo barbaachisutti warra kaan gargaaruudhaan ‘akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessaniiru.’—2 Qorontos 6:4.