SADAASA 6, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS
Obomboleettiin Zettaa Jedhamu Kibba Baha Yunaayitid Isteetis Rukute
Iddoo
Kibba Bahaa Yunaayitid Isteetis
Balaa
Obomboleettiin saffisa qabu kun Onkoloolessa 28, 2020 Luusiyaanaa rukute. Boodas, obomboleettii tirooppikaalii taʼuudhaan Kibba baha Yunaayitid Isteetis irratti miidhaa geessiseera.
Naannoowwan qarqara galaanaa jiranitti lolaa fi qilleensi cimaan akka uumamu gochuudhaan manneen tokko tokko miidheera akkasumas ibsaan akka badu godheera
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Babalʼistoonni 324 mana isaanii dhiisanii deemaniiru ykn bakka sanaa baafamaniiru
Babalʼisaa 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 291 fi Galma Walgaʼii 14 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 8 fi Galma Walgaʼii 3 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manni 1 guutummaatti mancaʼeera
Hojii gargaarsaa
Jaarsoliin gumii fi daawwattoonni ol aanaa aanaa obbolootaa fi obboleettota miidhaan irra gaʼeef tika gochaa fi wanta isaan barbaachisu dhiheessaa jiru. Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa COVID-19 fi Obomboleettii Laawuraatiif dhaabbatee ture qajeelfama COVID-19f baʼe hundumaa utuu hin cabsin warra obomboleettii Zettaatiin hubaman gargaaraa jira.
Obomboleettiin kun obbolootaa fi obboleettota keenya irratti miidhaa guddaa akka geessise dhagaʼuun keenya baayʼee nu gaddisiisa. Haa taʼu malee, ammas jaalalli amanamaan Yihowaan waaqeffattoota isaatiif qabu gargaarsa obboloonni keenya godhaniin mulʼachaa jira.—Faarfannaa 89:1.