Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJII 13, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Oduu Haaraa: Hojii Gargaarsaa Yeroo Obomboleettiin Dooriyaan Jedhamu Miidhaa Geessisetti Godhame

Meeshaan Gargaarsaa Xiyyaaraa fi Dooniidhaan ni Dhufe

Oduu Haaraa: Hojii Gargaarsaa Yeroo Obomboleettiin Dooriyaan Jedhamu Miidhaa Geessisetti Godhame

Fulbaana 1 hamma Fulbaana 3, 2019⁠tti Obomboleettiin Dooriyaan jedhamu Bahaamaasiin rukuteera. Obomboleettiin kun uumamuu isaa dura waajjirri damee Yunaayitid Isteetis Filooriidaa Yuu, Ees, Ee, irraa gargaarsaaf qophii gochuu jalqabee ture. Yeroo deemuuf haalli isaa mijataa taʼutti obboloonni bidiruu fi xiyyaara qaban yeruma sana hojii kana hojjechuuf sochii kan jalqaban siʼa taʼu, obboloonni kun odolawwan sana keessatti gargaarsa gochuuf warra jalqabaa turan.

Obboloonnii fi obboleettonni kudha sadii iddoowwan 300 ol taʼanitti xiyyaara balaliisuudhaan meeshaawwan gargaarsaa toonii 15 fi namoota 700 taʼan warra fedhiidhaan hojjetan gara naannoowwan hubaman kanaatti geessaniiru. Kana malees bidiruuwwan kan obboloota keenyaa taʼan 13 meeshaawwan gargaarsaa gara toonii 90 taʼan bakka sanatti geessuuf gargaaraniiru. Filooriidaa irraa kaʼanii Baahaamaas gaʼanii deebiʼuuf giddu galeessaan saʼaatii 12 fudhata.

Joosee Kaabreeraan inni Filooriidaatti itti gaafatamaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Paalmi Biich taʼe, “Obomboleettiin sun akkuma darbeen, xiyyaaronni [Dhugaa Baatota Yihowaa] meeshaawwan gargaarsaa hedduu baatanii samii irra balaliʼaa turan. Namoonni kun wanta isaan irraa eegamu caalaa gochuudhaan fakkeenya addaa kan taʼani dha” jedheera.

Obboleessi keenya Gileen Saandersi inni warra fedhiidhaan xiyyaara oofan keessaa tokko taʼe akkana jedheera: “Hedduu keenyaaf dandeettii keenyatti fayyadamnee obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruuf kun kan jalqabaa keenya dha. Nuti kutaa qaamaa ishii xinnoo akka taanee fi kutaa qaamaa miidhame isa kan biraatiif gargaarsa gochuu akka dandeenyu beekuun baayʼee nama gammachiisa.”—1 Qorontos 12:26.

Waajjirri damee Yunaayitid Isteetis gargaarsi godhame kun tilmaamaan doolaara Ameerikaa 1,750,000⁠tti kan shallagamu siʼa taʼu, hojiin gargaarsaa kun Caamsaa 1, 2020⁠ttis ni xumurama.

 

Meeshaan gargaarsaa bidiruutti feʼame buufata doonii Filooriidaa Yuu.Ees.Ee gaʼe. Obboloonni keenya walumaa galatti bidiruudhaan siʼa 29 gara Bahaamaasitti imalaniiru.

Buufanni xiyyaaraa Gireet Abaakoo jedhamuu fi Baahaamaasitti argamu lolaadhaan guutamuu isaa

Yeroo xiyyaarri balaliʼutti kutaa itti xiyyaara sana toʼatan keessaa yommuu gara alaa ilaalamu