Dhimma ijoo ta'etti seeni

Walgaʼii Naannoo bara 2023 “Obsaa”! jedhamuu fi Niiwu Barg, Niiwu Yoork, Yuu.Essi.Eetti geggeeffame

CAAMSAA 15, 2023
YUNAAYITID ISTEETIS

Walgaʼiin Naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa 2023 “Obsaa”! Jedhamu Jalqabeera

Walgaʼiin Naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa 2023 “Obsaa”! Jedhamu Jalqabeera

Walgaʼiin naannoo qaamaan godhamaa ture weerara KOVIID-19n kan kaʼe Bitootessa 2020 addaan citee ture. Waggaa kana, addunyaa maratti Walgaʼiin Naannoo “Obsaa”! jedhamuu fi 6,000 ol taʼu afaanota 500 oliin ni geggeeffama. Walgaʼiin naannoo kun inni jalqabaa kan geggeeffame Caamsaa 12 hanga 14, 2023​tti ture.

Walgaʼii naannoo Galma Walgaʼii Gurguddaa Niiwu Barg, Niiwu Yoork, Yuu.Essi.Eetti argamu keessatti geggeeffamerratti obboloonnii fi obboleettonni hedduun argamaniiru. Obboloota kana keessaa tokko kan taate obboleettiin keenya Kiristiin Toorees akkana jetteetti: “Akkuma obboleessi dura taaʼaa waltajjii taʼe ‘Baga Nagaan Dhuftan’ jedheen, obboloonni galmicha keessa jiran hundi harka walitti rukutuu eegalan. Hundi isaanii yeroo hammanaa booda achitti walitti qabamuu isaaniitti baayʼee gammadanii turan.” Obboleessi keenya Duween Ismiiz inni walgaʼii kana irratti argames, “Gammachuun obboloonni qaban baayʼee kan nama ajaaʼibu ture. Hariiroo akkamii akka qaban salphaamatti hubachuu dandeessa” jedheera.

Obboleettiin keenya Jeesiikaa Dolsemaaskooloo, ishiin yeroo weerara dhibee KOOVIID-19​tti cuuphamte, kanaan dura walgaʼii guddaa irratti qaamaan argamtee hin beektu. Miira ishiitti dhagaʼame yeroo ibsitu, “Gammachuu fi jaalalli bakka kanatti argamu, akka waanan michootan baayʼee jaalladhurraa waggoota hedduudhaaf adda baʼee turee, deebiʼee isaan argadhetti akka natti dhagaʼamu godheera” jetteetti. Obboleettiin keenya Nooyemii Tinaajeeroo ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼee fi gara jalqaba waggaa kanaatti cuuphamtes, haala argite yeroo ibsitu, “Maatiiwwanii fi michoota gammachuu qaban argita. . . . Addunyaama haaraa keessa waanan jiru natti fakkaate” jetteetti.

Obboleettota Jimaata ganamaan gara walgaʼii kanaa dhaqan

Obboloonni hedduun mata duree walgaʼichaa baayʼee ajaaʼibsiifataniiru. Obboleessi keenya Saam Huun “Obsuun hunda keenyayyuu baayʼee rakkisa. Kanaaf, yaadachiisa fakkeenya Yihowaa hordofuuf nu gargaaruu fi yeroo sirrii taʼetti nutti himamedha” jedheera. Obboleettiin keenya Fireenchii Ismiiz immoo, “Walgaʼiin naannoo kun, obsa argisiisuun guutummaa jireenya koo keessatti barbaachisaa akka taʼe na barsiiseera. Guutummaan sagantichaa baayʼee kan nama fayyadu ture” jetteetti.

Obboloonni walgaʼii naannoo Niiwu Barg, Niiwu Yoorkitti jalqabame kanarratti argaman baayʼee jajjabaataniiru! Obboloonni miliyoonaan lakkaaʼamnuuu fi jiʼoottan itti aananitti walgaʼii naannoo kana geggeeffannus, nyaata hafuuraa nuuf qophaaʼerraa soorachuuf hawwiidhaan eegaa jirra.—Faarfannaa 122:1.