MUDDEE 14, 2021
YUNAAYITID ISTEETIS
Yuunaayitid Isteetis Keessatti Obomboleettii Hedduun Balaa Cimaa Geessise
Muddee 10, 2021 irraa eegalee obomboleettiin Yuunaayitid Isteetis keessatti walitti aansee uumame saddeet kutaawwan biyyattii hedduu miidheera; obomboleettiiwwan kun yeroo furguggifamanitti kiilomeetira gara 402 darbatamuudhaan miidhaa guddaa geessisaniiru. Balaa kanaan lubbuun namootaa badeera; qabeenyi hedduunis barbadaaʼeera. Keessumaa kutaan biyyaa Keentuukii jedhamu baayʼee miidhameera.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe
Kan miidhames taʼe kan duʼe hin jiru
Babalʼistoonni 31 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Manneen 10 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 3 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 9 guutummaatti barbadaaʼaniiru
Hojii Gargaarsaa
Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa fi jaarsoliin gumii obboloota miidhaan irra gaʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa jiru
Gargaarsi hundi godhamaa kan jiru qajeelfama KOOVIID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani
Yihowaan obboloota balaa uumamaa kanaan kan kaʼe rakkinni irra gaʼaa jiruuf garaadhaa akka yaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Isaayyaas 63:9.