Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettiin keenya Helen Baajii meeshaa bireelii irratti barreessuuf gargaarutti fayyadamaa jirti

BITOOTESSA 24, 2021
YUNAAYITID KIINGIDAM

Hirʼina Qaamaa Qabaattus Duula Ayyaana Yaadannoo Affeeruu Irratti Hirmaatteetti

Hirʼina Qaamaa Qabaattus Duula Ayyaana Yaadannoo Affeeruu Irratti Hirmaatteetti

Dhugaa Baatuun Yihowaa Helen Baajii jedhamtuu fi Eedinbiroo, Iskootlaandi keessa jiraattu qaroo dhabeettii dha. Addunyaa maratti sababa weerara dhibeetiin kan kaʼe dhorkaan waan jiruuf akkuma Dhugaa Baatota Yihowaa kaanii Helenis namootaa wajjin qaamaan wal argitee isaan haasofsiisuu hin dandeessu. Haa taʼu malee, dhorkaan kun hamma dandeesse duula Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus irratti hirmaachuudhaan namoota affeeruu irraa duubatti akka jettu ishii hin goone.

Helen jalqaba yaada ishii bireelii irratti barreessite. “Anaaf bireeliin akkuma irsaasii fi waraqaa ti” jechuudhaan dubbatteetti. Achiis, Helen yaada bireelii irratti barreessitee fira ishiitiif ergiti; ishiin immoo yaada sana qalamaan barreessiti.

Waraqaa affeerrii bireeliin qophaaʼe

Haatii fi akkoon Helen Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, ayyaanni Yaadannoo jireenya ishii keessatti ayyaana iddoo guddaa qabu dha. Helen namoonni ayyaana kana irratti akka argaman affeeruuf carraaqqii akka gootu dubbatteetti. “Kan baranaa kana dabalatee yeroo 70 ayyaana kana irratti hirmaadheera. Waggaa waggaadhaan waraqaa affeerrii bireeliidhaan qophaaʼe argachuu kootti baayʼeen gammada. Wanta achi irra jiru hunda beekuuf nan dubbisa. Achiis namootan affeeruu dandaʼu irrattan yaada” jechuudhaan dubbatteetti.

Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Kiristiyaanonni amanamoon addunyaa maratti argaman jaalalaan kakaʼanii ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus Kiristoos Sanbadduraa Bitootessa 27 kabajamu irratti akka argaman namoota affeeraa jiru.—Luqaas 22:19.