Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoo Manni Murtii Ol Aanaa, Manni Murtii Ol Iyyannoo Ingilaandii fi Weels itti argamu

CAAMSAA 12, 2020
YUNAAYITID KIINGIDAM

Ingilaandi Mirga Nama Miseensa Amantii Keenyaa Taʼu Filachuuf Qabnu Deggerte

Ingilaandi Mirga Nama Miseensa Amantii Keenyaa Taʼu Filachuuf Qabnu Deggerte

Bitootessa 17, 2020 Manni Murtii Ol Iyyannoo Ingilaandii fi Weels gumiidhaa baasuu irratti mirga nuti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuuf qabnu ilaalchisee ol iyyannoo murtoo Mana Murtii Ol Aanaa dabarse irratti dhihaate fudhachuu dideera.

Manni Murtii Ol Aanaa murtoo walii galaa godhe irratti gumiin tokko namni tokko Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko miti jedhee beeksisuun isaa seeraa ala ykn maqaa balleessuu akka hin taane murteessee ture. Abbaan seeraa dhaddacha sanaa, Riichaardi Ispiirmaan murtoo isaa irratti akkas jedheera: “Amantiin qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuu fi hojii irra oolchuu barbaadu tokko yeroo barbaachisaa taʼutti cubbamaa tokko gumiidhaa baasuuf aangoo qabaachuun isaa waanuma eegamu dha. Namni qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuu hin dandeenye ykn jiraachuuf fedhii hin qabne tokko akka miseensaatti ilaalamuun isaa dogoggora qofa utuu hin taʼin, yoo gumiidhaa baafame malee, warra amanamoo taʼan irratti dhiibbaa gadhee waan godhuuf, gumiidhaa baasuun sirrii, darbees baayʼee barbaachisaa dha.”

Murtii manni murtii jalqabaa dabarse sana booda, himataan murtii isa irratti dabarfame ilaalchisee Mana Murtii Ol Iyyannootti ol iyyannoo dhiheesse. Manni Murtii Ol Iyyannoo sunis, iyyannoon sun, “sababa gaʼaa akka hin qabee” fi “jaarmiyaan amantii tokko gumiidhaa baasuuf aangoo qabaachuun isaa sirrii akka taʼe” ibsuudhaan fudhachuu dideera.

Abukaatoon Dhugaa Baatota Yihowaa Sheen Biraadi murtoo kana irratti yaada kana kenneera: “Murtoon kun murtoowwan manneen murtii Ingilaandi, Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa, manneen murtii ol iyyannoo Kaanaadaa, Ardii Awurooppaa fi Yunaayitid Isteetis dabarsanii wajjin wal sima. Murtiiwwan kun hundi Dhugaa Baatonni Yihowaa eenyu miseensa isaanii akka taʼu murteessuuf mirga akka qaban mirkaneessu.”

Manni Murtii mirga nuti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan nageenya hafuuraa fi naamusaa gumii keenyaa eeguuf qabnu nuu kabajuu isaatti baayʼee gammadna.—1 Qorontos 5:11; 2 Yohaannis 9-11.