Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Oleeksaandir Treetiyaak

MUDDEE 28, 2020
YUUKREEN

ECHR Obboleessa Oleeksaandir Treetiyaak Isa Amantii Isaatiif Reebameef Murteesse

ECHR Obboleessa Oleeksaandir Treetiyaak Isa Amantii Isaatiif Reebameef Murteesse

Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa (ECHR) falmii Treetiyaakii fi Yuukireen gidduu ture irratti Kamisa Muddee 17, 2020, Obboleessa Oleeksaandir Treetiyaakiif murteesse. Obboleessi Treetiyaak Sadaasa 26, 2013 utuu tajaajilaa deebiʼuu namoonni sadii garmalee isa reebanii turan. ECHR qondaaltonni Yuukreen yakka kana sirriitti akka hin qoranne murteesseera. Manni murtichaa doolaara Ameerikaa 9,100 akka badhaasaatti isaaf kenneera.

Obboleessi Treetiyaak garmalee waan reebameef gara jiʼa tokkootiif hospitaala ciiseera. Poolisoonni yakki kun erga raawwatamee hanga jiʼa sadiitti qorannoo hin goone. Kana malees, haleellaan kun kan raawwatame sababa amantiitiin taʼuu isaa fi Obboleessa Treetiyaak irra miidhaa cimaan gaʼuu isaa hin ibsine. Boodas poolisoonni yakki isa irratti raawwatame kun salphaa akka taʼetti dhiheessaniiru. Dabalataanis namoota haleellaa raawwatan sadan keessa isa tokko qofa irratti himata kan dhiheessan yoo taʼu, kana kan godhanis erga inni biyyaa baʼee booda dha. Poolisii tokko dabalatee namoonni haleellaa raawwatan lamaan bakka sana akka turan qofa ibsamaniiru. Tokkoon isaanii illee hin adabamne. Kunii fi jalʼinni haqaa ifatti raawwatame kan biraan Obboleessi Treetiyaak bara 2015⁠tti dhimma isaa ECHRtti akka dhiheessu isa kakaase.

ECHR, “abbootiin taayitaa Yuukreen miidhaa cimaa nama iyyata dhiheesse kana irra gaʼe ilaalchisee qorannoo gaʼaa akka hin goone”; kun immoo Walii Galtee Mirga Namummaa Awurooppaa cabsuu wajjin tokko akka taʼe murteesseera.

Murtoon kun mirga amantii obbolootaa fi obboleettota keenya Yuukreenii fi biyyoota kan biroo jiraniif eegumsa gochuu irratti gargaarsa akka godhu ni abdanna. Hunda caalaa Yihowaa isa haqa nuuf kennu ni galateeffanna.—Faaruu Ermiyaas 3:59.