Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 23, 2022
YUUKREEN

Imala Ani Bakka Nagaa Qabutti Godhe

Seenaa Anastezyaa Kozyiinoovaa Ishii Lammii Yuukreen Taatee

Imala Ani Bakka Nagaa Qabutti Godhe

Guraandhala 24, 2022, ganama barii sagalee guddaa tokkotu hirribaa na dammaqse. Jalqaba irratti, alaa roobaa waan tureef, bakakkaa akka taʼe godhee yaadeen ture, booda garuu kanan dhagaʼe boombii dhukaʼe taʼuu isaa hubadheera.

Mana koo isa walakkaa Maariyoopool jiru gadhiisee baʼuu akkan qabun hubadhe. Guyyaa itti aanu mana akkoo koo Iiriinaa isa daangaa magaalattii irra jirun dhaqe. Boodas haati koo Katiriinaan bakka ani, akkoon koo fi durbiin koo jirru dhufte. Manni akkoo koo yeroo muraasaaf bakka nagaa qabu ture, taʼus mana mana jalaa keessatti guyyoota hedduu dabarsineerra.

Yeroo tokko nuti utuu mana lafa jalaa keessa dhokannee jirruu, misaaʼeliin bakka biqiltuu kuduraa keenya irra buʼe. Dhukaʼiinsi isaa sagalee baayʼee baayʼee guddaa taʼe qaba ture. Anis kadhannaa cimaan Yihowaatti dhiheesse. Torban tokko booda, mana akkoo koo keessa turuun gaarii akka hin taane waan hubanneef, karaa itti biyyattii keessaa baqannu argachuuf gara walakkaa magaalattii dhaqne. Yihowaan nagaa akka nu godhuu fi bakka kanaa akka baanu akka nu gargaarun kadhadhe.

Guyyaan isaa ganama Bitootessa 4 dha. Maariyoopooliin waan marfamteef baaburri magaalattii keessa hin jiru ture. Kanaafuu, namoota dhibbaan lakkaʼamanii wajjin guyyoota kudhaniif magaalattii keessa mana tiyaatira itti argisiisan keessa buufanne. Namni garmalee baayʼachuu isaatiin kan kaʼe lafa irra ciciisna turre. Naannoon isaa qulqulluu hin turre, nyaataa fi bishaan hoʼaa argachuunis baayʼee ulfaataa ture. Hiriira qabannee saʼaatii dheeraadhaaf dhaabbachuu qabna turre.

Gaaf tokko, mana tiyaatira sana dhihootti misaaʼeliin ni dhukaʼe. Sagaleen dhukaʼiinsa isaa baayʼee cimaa waan tureef foddaawwan hedduun akka caccaban gochuun isaa gar malee akka nutti qorru taasiseera.

Anastezyaan akkoo ishii Iiriinaa fi durbii ishii Aandrii wajjin

Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti kan na gargaare maali dha? Seenaa Iyyoob dubbisuu koo ti. Namoonni dhukaʼiinsa sanaan kan kaʼe yeroo hollatan yommuun argu, Kitaaba Qulqulluu koo irraa seenaa Iyyoobin dubbisaa ture. Akkas gochuun koo tasgabbiin akka natti dhagaʼamu taasisa. Akkuma waan Iyyoob anaa wajjin mana tiyaatirii sana keessa taaʼee jiruutti yaaduudhan, “Aamma wanta sitti dhagaʼamu guutummaatti hubachuu dandaʼeera!” isaan jedhetti natti dhagaʼama. Iyyoob wanta hunda, jechuunis maatii isaa, fayyaa isaa fi qabeenya isaa dhabeera.Ani kanan dhabe qabeenyuma kooti.Maatiin koo anaa wajjin jira, hundi keenya iyyuu lubbuudhaan oolleerra, akkasumas fayya buleeyyii dha. Yeroo sanatti, haallin keessa jiru hamma kan Iyyoob cimaa akka hin taane hubadheera. Achiis tasgabiitu natti dhagaʼame.

Bitootessa 14, gareen tokko magaalattii keessaa baqatanii baʼuu akka dandaʼan dhageenye. Kanaaf, nutis deemuuf murteessine. Namoota mana tiyaatira sana keessa jiran kaanii wajjin geejjiba ittiin deemnu arganne.

Konkolaataawwan 20 magaalattii keessaa baʼuuf imala jalqaban. Kudha afur kan taanu konkolaataa feʼumsaa duubaan walitti cafaqamnee deemne. Yeroo imallutti boonbiin mataa keenya irra darba ture. Anis yeroo kanatti irra deddeebiʼeen kadhadha ture. Magaalaa Maariyoopool gadhiisnee yommuu baanu, konkolaachisaan keenya konkolaataa isaa dhaabee buʼuudhaan boʼuu jalqabe. Fanjiiwwan daandii irra awwaalaman keessa waan oolleef ture. Erga nuyi magaalattiitii baanee guyyaa lama booda manna tiyaatiraa sanatti boombiin darbatamee yoo xinnaate namoonni gara 300 taʼan dhumaniiru.

Saʼaatii 13 booda Zaapoorizyiyaa geenye. Guyyaa itti aanu ganama gara Leeviiv deemuuf baabura yaabbanne. Konkolaataa baaburaa namoota afur qofa baatu keessa namoota 16 taanee jirra turre. Garmalee hoʼa ture. Hamma achi geenyutti jechuun ni dandaʼamaa, koriidorii irra dhaabbadheen ture. Qilleensi qulqulluun kan argamu bakka kanatti qofa dha. Bitootessa 16, Leeviiv geenye, obboloonnii fi obboleettonni keenya jaallatamoon miira hoʼaadhaan nu simatan. Guyyoota arfan itti aananiif Galma Walgaʼii keessa buufanne. Kunuunsi obboloonnii fi obboleettonni keenya nuuf godhan akkan booʼu na taasiseera. Kun kennaa Yihowaa biraa arganne dha.

Bitootessa 19, Yuukreeniin gadhiisnee baʼuu fi Poolaandi ishii biyya ollaa taate dhaquuf murteessine, achittis obboloonni keenya ana, akkoo koo, haadha koo fi durbii koo simataniiru. Isaanis wanta nu barbaachisu hunda nuuf kennaniiru. Jaalalaan marfamnee turre jechuun ni dandaʼama.

Umuriin koo waggaa 19 qofa taʼus, rakkoowwan kana hunda keessa ergan darbee booda, yeroo gaarii taʼetti amantii ofii cimsachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubadheera. Amantiin lubbuudhaan ooluuf nu gargaara. Waraanichi kaʼuu isaa dura qoʼannaa dhuunfaa gochuu utuu barsiifata hin godhanne taʼee haalli kun baayʼee natti ulfaata ture.

Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa dha. Yeroo kana hundatti, akkuma waan inni harka koo mirgaa qabee bakkan dhaqu hundatti na geggeessaa tureetti natti dhagaʼama. Wanta inni naa godhe hundumaaf guutummaatti Yihowaa galateeffachuuf jechi natti hanqata.—Isaayyaas 41:10.