GURAANDHALA 1, 2023
YUUKREEN
ODUU HAARAA #16 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru
Manni Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa Itti Fufe
Muddee 26, 2022 kaasee qajeelchitoonni yeroo hundaa fi qajeelchitoonni addaa Yuukreen iddoo nagaan jirutti Mana Barumsaa Qajeelchitootaa irratti argamuu dandaʼaniiru. Haalawwan naannichaa irratti hundaaʼuudhaan qajeelchitoonni qaamaan ykn karaa Zuumii hirmaataniiru. Rakkoowwan kanneen akka haleellaa xiyyaaraa, ibsaan baduu, rakkina dinagdee fi Intarneetiin baduu ykn ciccituu jiraatanis obboloonnii fi obboleettonni barumsa adda taʼe kana argachuuf dursa kennaniiru. Eebbi hafuuraa isaan argatanis hedduudha.
Naataaliyaa ishiin Kiriiveyi Riih irraa deemte akkana jetteetti: “Manni barumsaa kun baayʼee na haaromseera. Yaaddoo fi sodaadhaan dhiphachuu mannaa caalaatti ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera.” Anaastasiyaa ishiin Charniivsii irraa deemte akkana jetteetti: “Manni barumsaa kun Yihowaan baayʼee akka na jaallatu na amansiiseera. Waggaan darbe wanta nama dhiphisuun kan guutame taʼus, barumsichi wanuma na barbaachisu naaf kenneera. Eebba Yihowaa argachuuf waldhaansoo gochuu koo akkan itti fufu na kakaaseera.”
Obboleettiin Isvetlaanaa jedhamtuu fi Kiitismaan irraa deemte jalqaba irratti afeerraan erga ishii gaʼee booda mana barumsichaa irratti argamuun ishii dhiphisee ture. Akkana jetteetti: “Rakkina dinagdee dabalatee yaaddoo koo hunda Yihowaatti nan hime. Amanannaa koo isarratti godheera; wantan itti gaabbus hin qabu. Yihowaan akka na jaallatuu fi akka naaf yaadu natti dhagaʼame.” Carraaqqii Isvetlaanaan gootu baayʼee waan isa jajjabeesseef abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane ishii duukaa walgaʼiiwwan gumiirratti argamuu jalqabe.
Akeekkachiisa haleellaa xiyyaaraa gaʼuuf jedhu kennameen, barattoonni Zeyitoomiir siʼa lama iddoo gamoo jala jirutti akka deeman godhameera. Ibidda bobeessuudhaan kutichi akka hoʼu erga godhanii booda barumsicha itti fufan. Rakkoowwan kun hundi gaʼanis Valentiinaa ishiin dhiheenyatti Zeyitoomiir irraa deemte akkana jetteetti: “Mana barumsaa kana matumaa hin irraanfadhu. Qoochoo Yihowaa isa jabaa jala akkan jiru natti dhagaʼame.”
Akkuma biyyoota hedduu keessatti taʼe qajeelchitoonni Yuukreen saʼaatiin tajaajilaa hirʼachuu isaatti baayʼee gammadaniiru. Yuliyaan beeksisa kana erga dhageessee booda akkana jetteetti: “Garaan koo jaalala Yihowaatiin guutame. Harʼa ganama tajaajila kana akkan itti fufu akka na gargaaru Yihowaa kadhadheen ture. Karaa kamiin akka taʼe beekuu baadhus, akka inni deebii naaf kennu beeka. Saʼaatiin tajaajila akka hirʼate ergan baree booda wanta Yihowaan naa godheef dinqisiifannaan koo ni dabale. Oduun haaraan kun akka waan nyaanni miyaaʼaan xumura mana barumsichaa irratti dhihaate fakkaata.”
Hanga Amajjii 24, 2023tti Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaa irraa argamerratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kanarrayyuu caaluu dandaʼa.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Babalʼistoonni 47 duʼaniiru
Babalʼistoonni 97 madaaʼan qaamaa irra gaʼeera
Babalʼistoonni 8,953 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Manneen 590 guutummaatti badaniiru
Manneen 645 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 1,722 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 8 guutummaatti badaniiru
Galma Walgaʼii 17 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 76 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 26 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru
Manneen jireenyaa 46 suphamaniiru
Galmawwan Walgaʼii 5 suphamaniiru
Namoonni 54,445 Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaatiin bakka hamma tokko nagaa qabutti buufata argataniiru
Babalʼistoonni 27,655 biyyoota kaanitti kan baqatan yeroo taʼu obboloota isaaniitiin gargaaramaa jiru