Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yuukreenitti babalʼistoota tajaajilaa jiran lama

Adoolessa 18, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #11 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Biyya Waraanni Jiru Keessatti “Wanta Gaarii Hojjechuu”

ODUU HAAREFFAME #11 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Yuukreen keessatti tajaajilli dirree jalqabamuun isaa gammachuu fi buʼaa gaarii argamsiiseera. Namoonni hedduun gaariin barreeffamaa keenya deebiʼuu isaatti akka gammadan akkasumas Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo isaaniitii dhabuu isaanitti illee itti dhagaʼamee akka ture yaada akka kennan ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii dubbataniiru.

Taatiyanaa ishiin Gumii Seeriivikaa isa Naannoo Odeessaatti argamuu taate namoota yeroo weerara dhibee dura haasofsiiste gaafachuuf murteessite. “Carraaqqii nuti tajaajila keenya jalqabuuf goonu Yihowaan eebbisaa akka jiru argeera” jetteetti. Taatiyanaan yeroo tokko dubartii weerara dhibee dura afeerraa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu didde tokko deemtee gaafatte. Yeroo kanatti dubartiin kun maree hafuuraa gochuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii akka qabdu dubbatte. Taatiyanaan; “Namootan deddeebii gaaffii gochaafii ture hunda deemee gaafachuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuun barbaada!” jetteetti.

Yeevan fi Liiliiyaan babalʼistoota Maariyoopool keessaa baqatanii deemanidha. Mana isaaniitii baqatanii deemuudhaan Yuukreen keessaa bakka nagaa taʼe jiraachaa jiru. Lamaan isaanii tajaajila irratti yeroo hundaa hirmaatu. Tajaajilli rakkina isaan mudate irratti xiyyeeffachuu irraa fagaachuuf akka isaan gargaare ibsaniiru. Akkana jedhaniiru: “Jireenya kanaan duraa akka hin jiraanne beekna. Jireenya haaraa jalqabuun baayʼee rakkisaa taʼus harki Yihowaa gabaabaa akka hin taane beekna. Hafuurri isaa nu wajjin jira; bakka haaraatti jireenya haaraa jalqabuuf obboloonni keenya nu gargaaruuf qophaaʼoodha.”

Biyyicha keessaa naannoo kaanitti, obboloonni keenya hojii gaarii raawwataniinis dhugaa baʼaniiru. Fakkeenyaaf, gareen obbolootaa magaalaa Miikolaayiv tokko dhaabbata gargaarsa yeroo balaa godhu tokko gargaaruudhaan mana kuusaa namoota waraana irratti hin hirmaanne tajaajilu tokko suphaniiru. Obboloonni toora bishaanii suphaniiru; madardaraa hojjetaniiru; meeshaawwan toonii hedduutti lakkaaʼaman kuusaniiru. Bakka buutuun dhaabbata gargaarsaa sanaa hojicha yommuu ilaaltutti imimmaan ishii dhangalaasteetti. Akkana jetteetti: “Hojii gaarii akkasiitu raawwatama jedhee hin yaanne.”

Obboloonni keenya Yuukreen haala rakkisaa keessa kan jiran taʼus, tajaajilaan qabamuunii fi “wanta gaarii hojjechuu[n]” gammachuu akka isaaniif argamsiise itti dhagaʼama.—Galaatiyaa 6:9.

Hamma Adoolessa 13, 2022​tti Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaarraa argamerratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kanarrayyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 42 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 97 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 28,683 bakka waraanni hin jirretti baqataniiru

  • Manneen 524 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 588 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 1,554 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 5 barbadaaʼeera

  • Galma Walgaʼii 10 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 36 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 52,974 taʼan iddoo nagaa qabutti iddoo buufatan akka argatan gargaaraniiru

  • Babalʼistoonni 23,863 taʼan biyyoota biraatti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru