Dhimma ijoo ta'etti seeni

Sirna cuuphaa Adoolessa 23, 2022 Yuukreenitti raawwatame lama

HAGAYYA 12, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #12 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

“Waraanichi Illee Hojiin Barattoota Gochuu Akka Dhaabbatu Gochuu hin Dandeenye”

ODUU HAAREFFAME #12 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Adoolessa 23 hanga 31​tti babalʼistoonni guutummaa Yuukreenii fi biyyoota kan birootti baqatan walgaʼii naannoo bara 2022 “Nagaa Hordofaa”! jedhu irratti cuuphamaniiru. Hanga Hagayya 2​tti dimshaashumatti namoonni Yuukreen 1,113 cuuphamaniiru. Obboleessi Yuukreen keessa jiru tokko akkana jedheera: “Akkuma Yesuus ‘guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira’ jechuudhaan waadaa galetti, waraanichi illee hojiin barattoota gochuu akka dhaabbatu gochuu hin dandeenye.”—Maatewos 28:20.

Muuxannoowwan armaan gadii yommuu isinitti himnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama!

Naataaliyaa ishiin umuriin ishii waggaa 63 taʼe Kiriminaa, Naannoo Luhaaniski jiraatti turte. Ishiinii fi ijoolleen ishii durbaa lamaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼannaa kan jalqaban bara 1990​niittidha. Ijoolleen ishii lamaan guddina godhanii kan cuuphaman taʼus, ishiin garuu guddina gootee hin cuuphamne. Yeroo waraanichi jalqabetti maatiin Dhugaa Baatota Yihowaa tokko yommuu bakka nagaan jirutti baqatanitti Naataaliyaa fuudhanii deeman. Ishiinis Galma Walgaʼii Ivaanoo-Firaankeviskii keessa akka buufattu qophiin godhameef.

Naataaliyaan akkana jetteetti: “Dhoʼiinsa boombii suukanneessaa taʼe ergan dhagaʼee booda, haalli isaa waanuman akkamitti akkan seequu irraanfadhe fakkaata ture. Obboloonnii fi obboleettonni jaalala dhugaa natti argisiisaniiru. Xiyyeeffannaa naaf kennuudhaan wantoota na barbaachisan naaf guutu jedhee hin eegnen ture. Yeroo kanatti jaalalan Yihowaadhaaf qabu guddifachuun jalqabe. Kitaaba Qulqulluu baayʼeen dubbisa ture, obboleettiin tokkos kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu jedhamuun Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu na affeerte. Ishiin kennaa Yihowaan naaf kenne turte.” Naataaliyaan itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Amma cuuphamee Dhugaa Baatota Yihowaa keessa tokko taʼuun koo baayʼee na gammachiisa. Ajaja hunda irra caaluu fi Waaqa koo Yihowaa ‘garaa koo guutuu, lubbuu koo guutuu fi sammuu koo guutuu’ akkan jaalladhu naaf kennamee wajjin walsimee jiraachuun barbaada.”—Maatewos 22:37.

Ooliyaan Poolaandiitti fakkii harkaan kaafamee fi mata dureen walgaʼii naannoo “Nagaa Hordofaa”! jedhu irratti barreeffame qabattee

Ooliyaa ishiin Cherkaasii jiraachaa turte yeroo waraanichi jalqabetti babalʼistuu hin cuuphamne turte. Bitootessa 6​tti, intala ishii fi intala intala ishii wajjin gara Poolaanditti baqatte. Akkana jetteetti: “Shaanxaa yeroo balaa qofa qabannee baane, obboloonni hafuuraa koo garuu sadan keenya iyyuu kunuunsaniiru. Wantoonni kun hundi jaarmiyaan Yihowaa tokkummaa akka qabuu fi hafuura isaatiin akka geggeeffamu naaf mirkaneessaniiru. Wantoota kana hunda ergan dabarsee booda, Yihowaadhaaf of murteessuufan kutadhe. Inni yeroo baayʼee ulfaataa taʼetti na gargaareera, amma immoo ani isa tajaajiluudhaan galateeffannaa koo isaaf ibsuun barbaada.”

Yuliyaa ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼe, Naannoo Doonetiski jiraachaa turte. Kan guddatte maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan gidduutti taʼus, guddina gootee hin cuuphamne. Wanta waraanichi jalqabee utuma baayʼee hin turin ishii mudate ilaalchisee akkana jetteetti: “Yeroo kamitti iyyuu duʼuu akkan dandaʼu waanan hubadheef lafa irra ciisaan ture. Naannoon maatiin koo jiraachaa turan guutummaatti kan barbadaaʼe taʼus, nuti garuu oolleerra. Haala na mudatee kana booda, kanan kadhadhee fi amaloota Yihowaa irratti kanan xiinxale yommuu taʼu, akkas gochuun koo immoo Yihowaatti caalaatti waan na dhiheesseef, isaaf of murteessuu ilaalchisee shakkiin ani qabu baduu dandaʼeera. Yihowaan kadhannaa kootiif deebii kennuudhaan hammam natti dhihoo akka taʼe naaf mirkaneesseera. Kanaan dura waaʼee Waaqayyoo beekumsa qofan qaba ture, amma garuu isan jaalladha.” Yuliyaan Adoolessa 24​tti cuuphamteetti.

Deevid inni umuriin isaa waggaa 11 taʼe Jarmaniitti cuuphamuu isaa dura

Yeroo waraanichi jalqabe, Deevid inni umuriin isaa waggaa 11 taʼe maatii isaa wajjin gara Jarmaniitti baqate. Umurii isaa waggaa sagalii kaasee babalʼisaa hin cuuphamne taʼee tajaajilaa jira. Amma galma hafuuraa qabu irra gaʼuuf carraaqqii gochaa jira. Akkana jedheera: “Cuuphamuuf kanan murteesse Yihowaa waanan jaalladhuu fi michuu isaa taʼuu waanan barbaaduufi. Yeroon cuuphametti, miseensa maatii Yihowaa isa dinqisiisaa keessaa tokko taʼuu kootti gammachuudhaanan booʼe. Waaʼee Yihowaa fi waaʼee kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabuu namootatti himuun waan na gammachiisuuf galmi koo inni itti aanu qajeelchaa taʼuudha. Kana malees, gumii irratti obbolootaa fi obboleettota koo tajaajiluun na gammachiisa, gaaf tokko immoo tajaajilaa gumii akkan taʼu nan abdadha. Yeroo boodas Beetel galee tajaajiluuf galma qaba. Galma kana kanan baafadhe bara 2018​tti ergan waajjira damee Luuviivitti argamu daawwadhee boodadha.”

Aliiyoonaa ishiin Kiyeev jiraattu bara 2011​tti babalʼistuu hin cuuphamne taate. Waggaa kudhaniif garuu qabbanooftee turte. Bara 2020​tti jaarsoliin gumii ishii haasofsiisanii birooshura Gara Yihowaatti Deebiʼi jedhamu ishiidhaaf kennan. Akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼii irratti argamuu koo ittan fufe. Haa taʼu malee, yeroo muraasa booda ammas nan dhaabe. Yeroo waraanni jalqabetti, Yihowaan kadhannaa kootiif deebii naaf kenneera, akkasumas eegumsa akka naaf godhe, jaalala akka natti argisiisee fi nagaa keessaa akka naaf kenne hubachuu dandaʼeera. Gara Roomaaniyaatti kanan baqadhe yommuu taʼu, achittis Dhugaa Baatotaa wajjin wal argeera. Jaalalli obboloonni natti argisiisanii fi kunuunsi isaan naaf godhan waanuma Yihowaan birdilibsii hoʼaa natti uwwise fakkaata ture.” Aliiyoonaan Adoolessa 23​tti cuuphamteetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan obsa waan natti argisiiseef baayʼeen isa galateeffadha. Amma ‘karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu akkan qabu’ beeka.”—Filiphisiyus 4:13.

Hamma Hagayya 2, 2022​tti, Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaa irraa argame irratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kana irra iyyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 43 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 97 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 22,568 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 586 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 613 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 1,632 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 5 barbadaaʼeera

  • Galma Walgaʼii 10 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 37 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 53,836 taʼan iddoo nagaa qabutti bakka buufatan akka argatan gargaaraniiru

  • Babalʼistoonni 24,867 taʼan biyyoota birootti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru