Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 16, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #13 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Deebiʼanii Qaamaan Tajaajila Jalqabuu

ODUU HAAREFFAME #13 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Hagayya 2022, Yuukreen keessaa bakkawwan akkas gochuun balaa hin qabnetti tajaajilli manaa gara manaa deebiʼee akka eegalamu beeksifame. Obboloonnii fi obboleettonni irratti hirmaachuuf baayʼee hawwanii turan. Yeroo jalqabanis namoonni baayʼeen ergaa Kitaaba Qulqulluu dhagaʼuu akka barbaadan hubataniiru. Namni affeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isaaf dhihaate fudhate tokko akkas jedheera: “Waraanni kun yeroo geggeeffamutti wanta sukkaneessaa gaʼee fi miidhaa gaʼe hundumaa gaafan argu, rakkina ilmaan namoota furuu kan dandaʼu Waaqayyoo qofa akka taʼe hubadheera.” Kanneen armaan gadiitti jiran muuxannoo tajaajila irraa argamanidha.

Babalʼisaa Gumii Laaniyetsi kan taʼe Ruuslaan deebiʼee tajaajila manaa gara manaa irratti hirmaachuun xinnoo isa sodaachisee ture. Kanaaf innii fi haati manaa isaa namoota waaʼee abdii dinqisiisaa gara fuulduraa beekuuf fedhii qabanitti akka isaan qajeelchuu fi ija jabina akka isaaniifi kennuuf Yihowaa kadhatan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun saʼaatii 2 tajaajila irratti dabarsanitti namoonni saddeettan argatanii haasofsiisan hundinuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii qabaachuu isaanitti baayʼee dinqisiifatan.

Babalʼistuu Gumii Kremeentes kan taate Oolgaa fi hiriyaan tajaajilaa ishii tajaajila irratti utuu hirmaatanii namichi tokko gara isaanitti fiigaa dhufuudhaan waaʼee Dubbii Waaqayyoo lallabaa jirtuu jedhee isaan gaafate. Sana booda: “Rakkina tamboo xuuxuu fi dhugaatii alkoolii dhuguun qaba. Dhiheenyatti murtiidhaaf Waaqayyoo duratti akkan dhihaadhu natti dhagaʼama. Yeroo sanatti eenyummaa amman qabuun isa fuulduraatti dhihaachuu hin barbaadu” isaaniin jedhe. Kanaaf obboloota naannoo isaa jiran wajjin Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu qophiin ni godhame.

Babalʼisaa Gumii Liviwu Ryasinii Skeldani kan taʼe Vaasiyiliin yommuu garee tajaajilaa isaa waliin ganda tokko keesssa tajaajilanitti manni tokko mana dubartii waggoota hedduu dura haasofsiisee akka taʼe hubate. Dubartittiin aartee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin haasaʼu diddee akka turte yaadate. Taʼus obboleessi kun mana sana rurrukutuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu affeeruu filate. Dubartittiin ishiin kanaan duraa haasofsiisan dhuftee balbala bantee kitaaba Qulqulluu hubachuu akka barbaaddu yammuu isaanitti himtu baayʼee dinqisiiseen. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf kan walii galte yeroo taʼu; obboloonnis nama ishii qoʼachiisu qopheessaniif.

Serhii, Inni gumiin isaa gumii yilyintisii taʼeemmoo, kan cuuphame bara 2021​tti dha; kanaaf matumaa lallaba manaa gara manaa irratti hirmaatee hin beeku. Naʼee waan tureef qophaaʼuudhaaf yeroo ramade. Serhiin akkas jedheera: “Viidiyoo maree fakkeenyaa siʼa hedduun ilaale. Sana booda, wanti na barbaachisu ija jabina ture.” Kana nama gammachiisu warra kaanitti misiraachicha himuu isaatiin kan kaʼe dhiphinni isaa gara gammachuu guddaatti jijjiirameera.

Haaluma wal fakkaatuun, Niikool Gumii Roozdiyel irraa babalʼistuu hin cuuphamne kan taate Hagayya 2022​tti dha. Akkana jetteetti: “Qaamaan lallabuun baayʼee na dhiphisee fi na sodaachiseellee ture. Ergan qaamaan lallabeen booda garuu namoota qaamaan argatanii waaʼee Yihowaa isaaniitti himuun baayʼee gammachiisaa akka taʼen hubadhe!”

Obboleettonni lama manaa gara manaatti tajaajilaa jiru

Hamma Sadaasa 11, 2022​tti Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaarraa argamerratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kanarrayyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 46 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 97 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 12,569 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 590 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 645 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 1,722 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 6 barbadaaʼeera

  • Galma Walgaʼii 19 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 63 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 53,948 taʼan iddoo nagaa qabutti bakka buufatan akka argatan gargaaraniiru

  • Babalʼistoonni 25,983 taʼan biyyoota birootti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru