EBLA 1, 2022
YUUKREEN
ODUU HAAREFFAME #5 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru
Kana nama gaddisiisu hamma Bitootessa 29, 2022tti obboloonnii fi obboleettonni keenya magaalaa Mariyuupool keessa jiraatan kan biroon torba duʼaniiru. Walumaa galatti obboloonnii fi obboleettonni Yuukreen keessa jiraatan 17 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa Yuukreen keessatti argaman boqonnaa malee hojii gargaarsaa hojjechaa jiru; obbolootaa fi obboleettota isaanii naannoo waraanni miidhaa guddaa irraan gaʼe keessa jiraatan barbaaduuf lubbuu isaaniillee balaadhaaf saaxilaniiru.
Fakkeenyaaf, obboloonni Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa wajjin hojjetan nyaata, qorichaa fi wantoota barbaachisoo kan biroo gara magaalota baayʼee miidhaman kanneen akka Kaarkiiv, Kiraamaatoriskii fi Mariyuupool geessuu dandaʼaniiru. Obboleessi miseensa Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa taʼe tokko babalʼistoota 2,700 taʼaniif nyaataa fi qoricha geessuuf guyyaatti kiilomeetira 500 ol imala; yeroo kanatti keellaa loltootaa hedduu keessa darbuun isa barbaachisa.
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa obbolootaa fi obboleettota naannoo waraanaa keessa jiran achii akka baʼan gargaaruuf geejjibas qopheessaniiru. Obboleessi Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa Cheeniiheev keessaatti hojjetu tokko akkana jedheera: “Loltoonni manneen jireenyaarratti boombii dhoosuu yeroo jalqabanitti magaalaa sana keessa turuun balaa guddaa akka qabu hubanne. Yeroo sanatti ibsaa fi intarneetiin waan hin hojjenneef jaarsoliin gara iddoo lafa jalatti argamuu akka dhaqanii fi magaalattii keessaa baqachuu akka dandaʼaniif geejjibni akka isaaniif qophaaʼe babalʼistootatti himuuf saffisaan gara magaalatti dhaqan.”
Namichi dhaabbata geejjibaa qabu tokko konkolaataawwan feʼumsaa fi otoobisiiwwan isaatti fayyadamee obboloota achii baasuuf irratti walii gale; obbolootaa fi obboleettota keenya 254 Cheeniiheev keessaa baasuuf siʼa sagal deddeebiʼeera. Yeroo tokko otoobisiin isaa akka darbu gochuuf maashinii guddaatti fayyadamee daandicha supheera. Obboloonni keenya gargaara isaaniif godhame kanaaf galateeffataniiru.
Warra yeroo waraanaa kanatti namoota jaallatan duʼaan dhabaniif baayʼee gaddina. Hundi keenyayyuu abdii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu fi duutii fi gaddi akka hin jiraanne dubbatu yeroo itti raawwatamu hawwiidhaan eegganna.—Mulʼata 21:3, 4.
Hamma Bitootessa 29, 2022tti Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaarraa argamerratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kanarrayyuu caaluu dandaʼa.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Babalʼistoonni 17 duʼaniiru
Babalʼistoonni 35 madaaʼaniiru
Babalʼistoonni 36,313 biyyichuma keessa bakka waraanni hin jirretti baqataniiru
Manneen 114 barbadaaʼaniiru
Manneen 144 irra miidhaa guddaan gaʼeera
Manneen 612 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galmi Walgaʼii 1 barbadaaʼeera
Galma Walgaʼii 7 irra miidhaa guddaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 23 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 34,739 taʼan iddoo nagaa qabutti iddoo buufatan akka argatan gargaaraniiru
Babalʼistoonni 16,175 taʼan biyyoota biraatti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru