Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Obboloonni fi obboleettonni Yuukreen miʼawwan gargaarsaa Poolaandii dhufe akka raabsamuuf konkolaataa feʼumsaatti feʼaa jiru. Mirgaa: Mana obboleessa keenya Hostomeelitti argamuu fi boombiidhaan barbadaaʼe.

EBLA 13, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #6 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

ODUU HAAREFFAME #6 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Kan nama gaddisiisu obboloonnii fi obboleettonni keenya kan biroon waraana Yuukreen keessatti kaʼeen kan kaʼe lubbuu isaanii dhabaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa 28 taʼan duʼaniiru.

Akka miidiyaaleen addunyaa maratti argaman gabaasanitti torbeewwan waraanni itti jalqabe keessa magaalota naannoo Kiyeev jiran keessatti waraanni cimaan geggeeffameera. Babalʼistoota gara 4,900 taʼanii fi naannoo kana jiraatan keessaa 3,500 ol kan taʼan naannoo waraanni hin jirretti baqataniiru.

Muuxannoowwan armaan gaditti argaman qorumsi cimaan obboloota keenya irra gaʼus amantii cimaa qabaatanii akka itti fufan argisiisa.

Oleksaandar inni jaarsa gumii taʼee fi magaalaa Makaarev jiraachaa ture naannoo gidduu gala Yuukreenitti argamuu fi waraanni hin jirretti baqateera. Haa taʼu malee babalʼistoota garee tajaajilaa isaa keessatti argamanii fi argachuu hin dandeenye barbaaduuf jecha gara naannoo waraanni jiru sanatti deebiʼeera. Akkana jedheera: “Yihowaan tajaajiltoota isaatiif iddoo guddaa akka kennu beeka. . . . Mana babalʼisaa tokko dura yeroon gaʼu manni isaa boombiidhaan akka rukutamen hubadhe. Balballi kutaa manichaa isa jalaatti geessu cufaa ture, yommuun rurrukutus namni naaf banu hin turre. Kunis baayʼee na naasise.” Oleksaandar balbala kutaa manichaa isa jalaatti geessu cabsee yommuu seenu namoonni walitti qabaman isa ilaalaa turan. Kutaa kana keessatti babalʼistoota olloota, isaanii Dhugaa Baatota hin taane wajjin walitti qabamanii turan argate.

Yaaraaslaavii fi haati manaa isaa (gidduu) fi Oleksaandarii fi haati manaa isaa naannoo waraanni hin jirre erga gaʼanii booda yommuu nyaata nyaatan

Babalʼisaan Yaaraaslaav jedhamuu fi kutaa mana jalaa kana keessa ture guyyaa saddeetiif kutaa kana keessa akka turan dubbateera. Akkana jedheera: “Namni tokko guyyaatti buskutii muraasaa fi bishaan birciqqoo tokko qofa argata ture. Taʼus, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya ni dubbisna, ni kadhanna, akkasumas wal jajjabeessina turre. Oleksaandar yommuu maqaa koo waamu loltoonni na qabuu akka dhufan natti dhagaʼamee ture. Nan duʼa jedhees yaadeen ture. . . . Inni garuu hunduma keenya oolcheera. Yihowaan maatii hafuuraa jaalala qabeeyyii, nuuf kadhatanii fi nu oolchuuf jecha lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan waan nuu kenneef baayʼee isa galateeffanna.”

Piylipii

Piylipii fi obboleessi tokko obboloota magaalaa Borodiyaankaa keessatti hafaniif nyaata geessuuf murteessan. Bitootessa 17 utuu gara magaalichaatti deemaa jiranii loltoonni konkolaataa isaanii fi nyaata isaan qabatanii turan jalaa fudhatan. Achiis loltoonni lamaan isaanii qabanii harka isaanii hidhan, akkasumas akka hin argineef ija isaanii hidhanii gara kutaa xinnoo lafa jalaa dhiironni kan biroon torba turanitti isaan geessan. Guyyaa lama boodas kutaa lafa jalaatti isaan geessan, achittis eegdonni isaan reeban. Piylipiin akkana jedheera: “Duʼa irraa akkan oolu mirkanaaʼaa hin turre. Amanamummaa koo akkan eegu akka na gargaarun kadhadhe.”

Piylipiin yeroo siʼuma tokko rukutamu obboleettii maanguddoo nyaata hin qabnee fi nageenya maatii isaatiif sagalee isaa ol kaasee kadhachuu jalqabe, achiis gammachuudhaan waggootaaf akka isa tajaajilu Yihowaan carraa waan isaaf kenneef isa galateeffate. Egduun sunis kutaa hidhamee turetti isa deebise, obboleessi keenya kun namoota naga qabeeyyii akka taʼan loltoonni akka hubatan kadhachuu isaa itti fufe. Akkasumas obboloonni keenya kun lamaan eegdotaaf dhugaa baʼuu jalqaban, guyyaa lamaafis eegdota isaan eegan hundumaaf dhugaa baʼaniiru. Kana malees, namoota hidhaman keessaa inni tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluuf fedhii akka qabu argisiiseera. Innis obboloota keenya galateeffateera. Bitootessa 27 obboloonni keenyaa fi namichi fedhii argisiise sun ni gadhiifaman.

Obboleettii qeenxeen Isvetlaanaa jedhamtuu fi Bukaa jiraattu torban lamaaf naannoo waraanni jiruu baʼuu hin dandeenye. Akkana jettetti: “Isa kanaan duraa caalaa nagaa Yihowaan kennu baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubadheera. Nagaa Waaqayyoo yeroo qabaannu yeroo hundumaa wanta gochuu qabnu beekna jechuu miti. Taʼus, yommuu haala nu mudate keessaa karaa itti baanu wallaallutti guutummaatti Yihowaatti amanamna.”

Isvetlaanaan utuu gara naannoo Yuukreen waraanni hin jirreetti imalaa jirtuu dubartii tokkoo fi fira dubartittiitiif dhugaa baate. Hundi isaaniis nagaadhaan naannoo waraanni hin jirre gaʼaniiru, maatiin Dhugaa Baatotaa tokkos isaan simateera. Dhugaa Baatonni sunis halkan sana Isvetlaanaa fi dubartii sana, akkasumsa fira ishii mana isaanitti simataniiru. Guyyaa itti aanuttis dubartiin kun walgaʼii irratti argamuuf, akkasumas Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya akka ishiidhaaf kennan gaafatte. Isvetlaanaanis ishii wajjin wal qunnamuu ishii itti fufteetti.

Hamma Ebla 29, 2022​tti Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaarraa argamerratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kanarrayyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 28 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 48 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 40,778 bakka waraanni hin jirretti baqataniiru

  • Manneen 278 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 268 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 746 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 1 barbadaaʼeera

  • Galma Walgaʼii 9 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 26 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 41,974 taʼan iddoo nagaa qabutti iddoo buufatan akka argatan gargaaraniiru

  • Babalʼistoonni 18,097 taʼan biyyoota biraatti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru