Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloonnii fi obboleettonni kaartooniiwwan gargaarsaa buusaa jiru

WAXABAJJII 10, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #9 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

ODUU HAAREFFAME #9 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Waajjirri damee Yuukreen, deggersa Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27n, obbolootaa fi obboleettota biyyattii keessatti qeʼee isaanii irraa buqqaʼan gargaaruu isaa itti fufeera. Yeroo waraanichi jalqabee kaasee nyaata, uffataa fi miʼoota qulqullinaa dabalatee gargaarsi kiilogiramni 250,000 Poolaandii gara Yuukreenitti geeffameera. Kana malees, Yuukreenuma keessaa obboloonni naannoo nagaa taʼe jiraatan, nyaata kiilograama 80,000 taʼe kennaniiru.

Obboleettiin Vaalantiinaa jedhamtuu fi Kiyeev jiraattu deggersa obboloota Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa irraa argatte ilaalchisee akkana jettee barreessiteetti: “Yeroo waraanni jalqabetti, magaalattii keessa turuun balaa guddaadhaaf kan nama saaxilu ture. Kanaafuu, magaalaa xinnoo naannoo Cherkaasii jiruttin baqadhe. Amma ergan as dhufee jiʼa lamaa ol taʼeera. Obboloonnii fi obboleettonni gumii naannoo kanaa keessa jiran baayʼee naaf yaadu. Kaartoonii nyaataa fi miʼoota qulqullinaa qabate hedduu naa fidaniiru. Gargaarsa isaan naaf godhan hunda yommuun ilaalu imimmaantu na hudhe. Kaartoonnii isa tokko keessa, fakkii intalli waggaa afurii Bilaankaa jedhamtuu kaastee fi poostikaardii tokkotu jira ture . . . Kennaa kana akka hin irraanfanneef fakkii kana nan kaʼadha. Obboloota koo, hunda caalaa immoo Yihowaa guddaan galateeffadha.”

Ijoolleen fakkiiwwan kaartoonii gargaarsaa keessa kaaʼaman kaasuudhaan gumaacha godhaniiru

Obboleettiin umurii waggaa 83 Vaalentiinaa jedhamanii fi hirʼina qaamaa qaban Siyeeverodeneski irraa akkana jedhanii barreessaniiru: “Yeroo waraanichi jalqabetti kophaa koon jiraadha ture. Ilmi koo tokkichi waraanicha dura na jalaa duʼe. Magaalattiitti boombiin guyyaa guutuu dhukaʼaa waan ooluuf baayʼee nama sodaachisa ture. Bishaan, ibsaa fi bobaʼaan hin jiru; tajaajilli Intarneetiis baayʼee dadhabaa ture. Obboloota na gargaaruuf jecha lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan guddaan galateeffadha.”

Itti fufuudhaan akkana jedhaniiru: “Yeroo boodas, obboloonni anaa fi obboleettota hirʼina qaamaa qaban lama gara magaalaa Diniipiroo ishii nagaa qabdutti nu geessan. Diniipirootti obboloonni bakkan buufadhu akkan argadhu na gargaaraniiru. Amma maatii Dhugaa Baatota na kunuunsanii wajjinan jiraachaa jira. Isaanis akka miseensa maatii isaaniitti na kunuunsaa jiru. Walgaʼii irratti akkan argamuu fi akkan irrati hirmaadhuuf bilbila ammayyaa illee akkan argadhu na gargaaraniiru. Gaarummaa obboloonni natti argisiisan matumaa hin irraanfadhu.”

Yihowaa inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe, obboloonnii fi obboleettonni keenya Yuukreen jiran ‘wanti gaariin tokko illee akka isaanitti hin hirʼanne’ gargaaruu isaa waan itti fufeef, garaan keenya gammachuu fi galateeffannaadhaan guutama.—Faarfannaa 34:10.

Hamma Waxabajjii 7, 2022​tti, Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaa irraa argame irratti kan hundaaʼe dha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kana irra iyyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 42 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 82 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 46,145 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 469 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 540 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 1,405 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 5 barbadaaʼeera

  • Galma Walgaʼii 8 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 33 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 50,663 taʼan iddoo nagaa qabutti bakka buufatan akka argatan gargaaraniiru

  • Babalʼistoonni 22,995 taʼan biyyoota birootti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru